Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Vilaadmiir Aluushkiin haadha manaa isaa Taatyaanaa wajjin

FULBAANA 16, 2020
RAASHIYAA

Obboleessi Vilaadimiir Aluushkiin Mana Hidhaatti hin Deebiʼu

Obboleessi Vilaadimiir Aluushkiin Mana Hidhaatti hin Deebiʼu

Fulbaana 16, 2020 Manni Murtii Naannoo Peenzaa ol iyyannoo Obboleessi Vilaadimiir Alushkiin, Vilaadimiir Kuulyaasoov, Andiree Maagliivii fi Deeniis Tiimooshiin, akkasumas Obboleettii Taatyaanaa Aluushkiinaa fi Gaaliyaa Olkahoovaa dhiheessan irratti murtii kenneera. Manni murtichaa murtii obboleessa Aluushkiin irratti waggaa jaʼaaf akka hidhamu dabarfamee ture, waggaa afuriif dhorkaa tokko tokko jala akka turu jijjiireera. Inni mana hidhaatti kan hin deebifamne taʼuu isaatti baayʼee gammanneerra. Obboloonni hafan dhorkaa tokko tokko jala akka turan murtoon duraan dabarfamee ture hin jijjiiramne.