Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessi Vilaadimiir Filiippoovii fi haadha manaa isaa Luboov

AMAJJII 26, 2021
RAASHIYAA

Obboleessi Vilaadimiir Filiippoov Inni Umuriin Isaa Torbaatamii Torba Taʼe Waggaa Jaʼaa fi Walakkaa Akka Hidhamu Itti Murtaaʼuu Dandaʼa

Obboleessi Vilaadimiir Filiippoov Inni Umuriin Isaa Torbaatamii Torba Taʼe Waggaa Jaʼaa fi Walakkaa Akka Hidhamu Itti Murtaaʼuu Dandaʼa

Guyyaa Murtii

Amajjii 27,2021, a Manni Murtii koonyaa Naadeevezhdiskee inni Naannoo Primooriitti argamu himata Obboleessa keenya Vilaadimiir Filiippoov irratti murtii kennuuf beellama kenneera. Waggaa jaʼaa fi walakkaa akka hidhamu itti murtaaʼuu dandaʼa.

Ibsa Gabaabaa

Vilaadimiir Filiippoov

  • Bara Dhalootaa: 1943 (Oktiyaabiriskee, Naannoo Noovoosiibiiriskii)

  • Seenaa Jireenyaa: Abbaan isaa inni dhalachuu isaa yeroo muraasa dura Waraana Addunyaa Lammaffaa irratti duʼe. Mana barumsaa Waraanaa Toomoskiitii bara 1964tti ajajaa dhibbaa taʼee eebbifameera. Bara 1967 haadha manaa isaa Luboov wajjin gaaʼela dhaabbataan. Waraana keessatti waggaa 27f erga tajaajilee booda dhaabeera.

    Bara 1994tti haati manaa isaa Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu erga jalqabdee utuma baayʼee hin turin innis qoʼachuu jalqabe. Achiis waggaa itti aanutti lamaan isaanii ni cuuphaman.

Himata

Hagayya 2017 abbootiin taayitaa obboleessa Filiippoovii fi obboloota kaan Raazdolnoyee keessa jiraatan dhoksaadhaan oodiyoo fi viidiyoo isaanii waraabuu jalqaban. Jiʼoota hedduudhaaf abbootiin taayitaa obboleessi Vilaadimiir walgaʼii irratti yommuu dubbatuu fi olloota isaa wajjin Kitaaba Qulqulluu irratti utuu mariʼatu dhoksaadhaan isa waraabaniiru.

Adoolessa 19, 2018, gareen Tajaajila Nageenya Fedaraalaa (FSB) hidhatanii fi maaskii godhatan mana obboleessa Filiippoov cabsanii seenan. Achiis gareen kun Vilaadimiir isa umuriin isaa waggaa 75 taʼe fuula isaa keessa kan rukutan siʼa taʼu, lafa akka ciisu isa taasisan akkasumas harka isaa duubatti hidhuudhaan mana isaa sakattaʼaan. Mana Filiippoov dabalataan siʼa lama jechuunis Hagayya 2019 fi Amajjii 2020tti cabsanii seenaniiru. Mana isaa yeroo lammaffaaf cabsanii erga seenanii booda himanni yakka Vilaadimiir irratti banameera.

Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenyaaf humnaa fi jabina amantii fi gammachuu isaanii eeggachuuf, isaan barbaachisu isaaniif kennuu isaa itti haa fufu.—Isaayyaas 40:29, 31.

a Guyyaan murtii jijjiiramuu dandaʼa