Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessi Yiivgeenii Gooliik Muddee 2020⁠tti mana murtiidhaa alatti

AMAJJII 21, 2021
RAASHIYAA

Obboleessi Yiivgeenii Gooliik Dhorkaa Tokko Tokko Jala Akka Turu Itti Murtaaʼe

Obboleessi Yiivgeenii Gooliik Dhorkaa Tokko Tokko Jala Akka Turu Itti Murtaaʼe

Murtii

Amajjii 20, 2021, Manni Murtii Koonyaa Biraabiidizhaan inni Naannoo Jeewiish Awutoonoomoos jiru obboleessi Yiivgeenii Gooliik yakkamaa akka taʼe murteesse. Waggaa lamaa fi walakkaadhaaf dhorkaa tokko tokko jala akka turu itti murtaaʼeera. Amma mana hidhaa hin galu. Murtii isaaf kenname kanaaf ol iyyannoo ni dhiheessa.

Ibsa gabaabaa

Yiivgeenii Gooliik

  • Bara Dhalootaa: 1975 (Biraabiidizhaan, Naannoo Jeewiish Awutoonoomoos)

  • Seenaa Jireenyaa: Hojii sibiilaa barateera. Meeshaa bishaan danfisu irratti hojjeta. Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu isaa dura humna waraanaa Raashiyaa keessatti tajaajileera

    Dhugaa kan barate haadha isaa irraa ti. Kaayyoo jireenyaa ilaalchisee gaaffii qabuuf deebii argateera. Barumsi Kitaaba Qulqulluu warra kaaniif caalaatti akka yaadu isa gargaareera

Himata

Caamsaa 17, 2019, ganama barii poolisoonni Tajaajila Nageenya Fedaraalaa (FSB) 150 Magaalaa Biraabiidizhaan ishii Bahaa Fagoo Raashiyaatti argamtutti manneen Dhugaa Baatota Yihowaa sagal weeraran. Maqaan opreeshinii poolisoota kanaa “Guyyaa Murtii” jedhama. Abbootiin taayitaa naannichaa obboleessa Yiivgeenii Gooliikii fi obboloota Naannoo Jeewiish Awutoonoomoositti argaman kan biroo 21 irratti himata yakkaa bananiiru. Himanni obboleessa kana irratti dhihaate Amajjii 29, 2020 ilaalamuu jalqabe.

Namni himata irratti dhiheesse viidiyoo obboleessi Yiivgeeniin Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan muraasa yommuu qoʼatu argisiisu akka ragaatti dhiheesseera.

Jalʼina haqaa akkasii dandamachuun salphaa miti. Haa taʼu malee, Yiivgeeniin akkana jedheera: “Barsiifata hafuuraa dhaabbataa qabaachuun koo of irratti utuu hin taʼin Yihowaa irratti akkan xiyyeeffadhu na gargaareera. Yaadawwan gaggaarii Dubbii Waaqayyoo keessatti argamanis gammachuu naaf argamsiisaniiru; yaadawwan kana warra kaanitti himuufis na gargaaraniiru.”

Faarfannaa 23:4 irratti xiinxaluun isaa isa fayyadeera. Yiivgeeniin akkas jedheera: “[Caqasni kun] ija jabeessa akkan taʼuu fi gammachuudhaan jabaadhee akkan dhaabbadhu na gargaareera. Lubbuun keenya yoo balaadhaaf saaxilame illee Yihowaan yeroo hundumaa akka nu wajjin jiru beekna.

Obboloonni kaanis Yiivgeenii deggeraa jiru. Akkas jedheera: “Yommuu dhimmi koo ilaalamuu jalqabutti obboloonni mana murtii dhufanii turan; kun baayʼee na jajjabeesseera. Akkasumas yeroo rakkisaa taʼe kanatti, Yihowaan haadha manaa gaarii gargaartuu taate naaf kenneera. Yeroo hundumaa gammachuu qaba. Nyaata hafuuraa fi qaamaa, akkasumas gargaarsa guddaa qaba.”

Yiivgeeniin walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabu cimsatee itti fufuuf kutateera. Warra hanga yoonaatti ariʼatamni irra hin geenye jajjabeessuuf gorsa akkas jedhu kenneera: “Faarfannaawwan [Mootummichaa] shaakalaa; garaan keessan diinoota keessan akka jaallatu leenjisaa; haala akkamii iyyuu keessatti tajaajiltoota Waaqayyoo gammachuu qaban taatanii itti fufuuf of leenjisaa.”

Hundi keenya iyyuu obboloota keenya Raashiyaatti argaman irraa barumsa barbaachisaa barachuu keenya itti haa fufnu. Yihowaan akkuma rakkina keessatti isaan cimse, nuunis nu cimsa.—Faarfannaa 29:11.