Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Yuurii Saaveelyeev Hagayya 26, 2020 kutaa mana murtii tokko keessa utuu jiruu

MUDDEE 11, 2020
RAASHIYAA

Obboleessi Yuurii Saaveelyeev, Mana Hidhaa Hanga Murtiitti Tursiisanitti Waggaa Lamaa Ol Kan Hidhame Taʼus, Hidhaan Waggaa Saddeetii Itti Murtaaʼuu Dandaʼa

Obboleessi Yuurii Saaveelyeev, Mana Hidhaa Hanga Murtiitti Tursiisanitti Waggaa Lamaa Ol Kan Hidhame Taʼus, Hidhaan Waggaa Saddeetii Itti Murtaaʼuu Dandaʼa

Guyyaa Murtii

Muddee 16, 2020, a Manni Murtii Koonyaa Leeniinskii inni Noovoosiibiirsii jiru dhimma Obboleessa Yuurii Saaveelyeev irratti murtii kennuuf karoorfateera. Abbaan alangaa hidhaan waggaa saddeetii Yuuriitti akka murtaaʼu gaafateera. Murtii Manni Murtii Ol Aanaa bara 2017⁠tti kenne booda, hidhaan waggaa dheeraa obboleessa keenyatti yommuu murtaaʼu kun isa jalqabaa taʼa.

Ibsa Gabaabaa

Yuurii Saaveelyeev

  • Bara Dhalootaa: 1954 (Krookhaalyoovkaa, Naannoo Noovoosiibiirskii)

  • Seenaa Jireenyaa: Haati isaa utuu inni daaʼima taʼee jiruu duute. Obboleettiin isaatiin guddate. Warshaa humna elektiriikii oomishu tokkotti hojii ujummoo hojjeteera. Erga haati manaa isaa duute booda waaʼee amantii beekuuf fedhii qabaate. Kitaabni Qulqulluun gaaffiiwwan isaatiif deebii nama amansiisu akka kennu hubateera. Bara 1996⁠tti cuuphamee Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe

Himata

Sadaasa 8, 2018 poolisoonni appaartaamaa isaa fi manneen Dhugaa Baatota kaanii Naannoo Noovoosiibiirskii jiranii weeraran. Yuuriin qabamee yeruma sana mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisan galfame.

Yuuriin magaalichatti sochii Dhugaa Baatota Yihowaa qindeessa jedhamee himatame. Akka gadhiifamu ol iyyannoo hedduun kan dhihaate taʼus, mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisan yeroon inni itti ture al sagal dheereffameera. Waggaa lamaa ol mana hidhaatti dabarseera. Manni Murtii Ol Aanaa bara 2017 murtii erga dabarsee booda, obboleessa Saaveelyeev caalaa yeroo dheeraa kan hidhaman, obboleessa Deenis Kiristeensanii fi Sergee Kliimoov qofa dha.

Yuuriin Roobii Muddee 9, 2020 yaada xumuraa mana murtiitti dubbate irratti, ija jabinaan akkas jedheera: “Dhaddacha kana irratti kanan himatame yakkaan miti, kanaa mannaa, barumsa Dhugaa Baatota Yihowaa hordofuu keetiin.

“Diina tokko illee hin qabu, jireenya ani waggaa 67 dabarsetti yakka kamiin iyyuu matumaa himatamee hin beeku. Siyaasa irraa walaba taʼuuf murteesseera. Jecha biraatiin ibsuuf, jechaan, miira namaa tuquudhaan ykn qaamaan yakka kam iyyuu raawwachuu nan balaaleffadha.

“Namoonni sadarkaan qaban, sanyiin ykn amantiin isaanii maal iyyuu yoo taʼe hunda isaanii akkan kabaju ulaagaan Waaqayyoo na dirqisiisa.

“Dubbiin Waaqayyoo abbootii taayitaa akka kabajnus nu jajjabeessa. Xalayaa warra Roomaatiif barreeffame 13:1-3 irratti akkas jedhameera: ‘Waaqayyo biraa yoo taʼe malee aangoon waan hin argamneef, namni hundi abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qabaniif haa bitamu; abbootiin taayitaa amma jiran aangoo isaanii isa daangaa qabu kan argatan Waaqayyo biraa ti. Kanaafuu, namni aangoo mormu kam iyyuu qophii Waaqayyoo morma.’

“Ani abbootii taayitaa hin mormu, sababiin isaas Waaqayyoon mormuu hin barbaadu. Kana gochuun yeroo hundumaa duʼatti nama geessa. Waaʼee Waaqa dhugaa isa tokkichaa fi waaʼee ilma isaa Yesuus Kiristoos beekuu kanan dandaʼe Dhugaa Baatonni Yihowaa waan na gargaaraniif qofa dha. Isaaniif galanni haa gaʼuutii Kitaabni Qulqulluun kitaaba addaa akka taʼe amaneera. Kitaabni kun jireenya keenya hunda ni tuqa.”

Amantiin Yuurii cimaa taʼuu isaa dhagaʼuu keenyatti jajjabaanneerra, Yihowaan nagaa itti fufiinsa qabu isaa kennuudhaan isa eebbisaa akka jiru fuula isaa irraa ni mulʼata.—Isaayyaas 26:3.

a Guyyaan isaa jijjiiramuu dandaʼa.