Dhimma ijoo ta'etti seeni

FULBAANA 23, 2020
RAASHIYAA

Obboleessi Zaalipaayeev Waggaa Lamaaf Mana Hidhaa Raashiyaa Galuu Dandaʼa

Obboleessi Zaalipaayeev Waggaa Lamaaf Mana Hidhaa Raashiyaa Galuu Dandaʼa

Guyyaa Murtii

Onkoloolessa 7, 2020, a Manni Murtii Koonyaa Maayiskii inni Ripaabiliika Kaabaardiinoo-Baalkaariyaanitti argamu dhimma Obboleessa Yuurii Zaalipaayeev irratti murtii kenna. Obboleessi kun waggaa lamaaf hidhamuu dandaʼa.

Ibsa Gabaabaa

Yuurii Zaalipaayeev

  • Bara Dhalootaa: 1962 (Samaaraa)

  • Seenaa Jireenyaa: Hojii sibiilaa hojjeteera akkasumas konkolaataa guddaa oofa ture. Walaloo barreessuu fi karaa dheeraa deemuu jaallata.

  • Bara 1983 Naataaliyaa ishii duraan wajjin baratan fuudhe. Waggaa kudhan booda Kitaaba Qulqulluu waliin qoʼachuu jalqaban. Ijoollee sadii qabu. Hundi isaanii iyyuu firoota isaanii muraasa wajjin Yihowaa tajaajilaa jiru.

Himata

Hagayya 20, 2016 poolisoonni Galma Mootummaa Maaysikii jiru weeraruudhaan barreeffamoota keenya “shororkeessummaa babalʼisu” jedhamanii dhorkaman tokko tokko dhoksanii kaaʼanii deeman. Obboloonni barreeffamoonni kun akka dhokfaman viidiyoo waraabanii kan qaban taʼus, manni murtii jaarmiyaan amantii naannichaa seera akka cabsetti himachuudhaan ruubilee 200,000 ($2,634 U.S.) adabeera. Jiʼoota hedduu booda, haala kana irratti hundaaʼuudhaan Obboleessa Zaalipaayeev irratti himanni yakkaa ni baname.

Abbaan alangaa Obboleessi Zaalipaayeev barreeffamoota dhorkaman akka raabsee fi Dhugaa Baatonni kaan miseensota amantii kan biroo irratti yakka akka raawwatan jajjabeesseera jedhee isa himate. Himatawwan kun seeraan kan balaaleffataman siʼa taʼan, (Seera Yakkaa Raashiyaa Kutaa 1 Mata duree 280 jalatti) “gocha shororkeessummaa jedhamaniiru.”

Manni murtii dhimmicha ilaaluu kan jalqabe Waxabajjii 21, 2020 ture. Yeroo dhimmichi ilaalamu hundatti ragaa baatonni abbaa alangaa al hedduu yaada wal faallessu dubbatu turan. Fakkeenyaaf, himatichi ilaalamuu yeroo jalqabetti, Obboleessi Zaalipaayeev warri kaan yakka akka raawwatan akka kakaase ragaa baatonni dubbatan tokko tokko walgaʼii inni irratti kana godheera jedhamee himatame irratti illee hin argamne. Kana malees, ragaa baatonni abbaa alangaa tokko tokko barreeffamoonni dhorkamanii fi Galma Walgaʼiitti argaman abbootii taayitaatiin akka dhokfaman ragaa baʼaniiru.

Obboleessi Zaalipaayeev murtii isaa eeggachaa yommuu jirutti, innis taʼe maatiin isaa yaada Daawit akka itti aanutti dubbate irraa jajjabinaa fi nagaa akka argatan ni kadhanna: “Yihowaan jabina koo fi gaachana koo ti; Garaan koo isatti amanama. Gargaarsa isaa argadheera, garaan koos gammadeera.”—Faarfannaa 28:7.

a Guyyaan isaa jijjiiramuu dandaʼa