Dhimma ijoo ta'etti seeni

ADOOLESSA 11, 2020
RAASHIYAA

Obboleessi keenya Deenis Kiristeensan Kutaa Mana Hidhaa Adabni Addaa Itti Kennamu Irraa Bakka Namoonni Kaan Hidhamanitti Jijjiirame

Obboleessi keenya Deenis Kiristeensan Kutaa Mana Hidhaa Adabni Addaa Itti Kennamu Irraa Bakka Namoonni Kaan Hidhamanitti Jijjiirame

Adooleessa 11, 2020 manni hidhaa Leegoov obboleessa keenya Deenis Kiristeensan bakka namoonni kaan hidhamanitti jijjiireera. Deenis kan jijjiirame mana hidhaa kutaa adabni addaa itti kennamu irraa yeroo taʼu, kutaa kana keessatti guyyaa 15hidhameera. Akkuma duraan gabaafame kan adabame himata sobaatiin ture. Amma bakka namoonni kaan hidhaman keessa jira. Ilaalcha gaarii qabaachuu isaas itti fufeera. Gareen obboleessa keenya Kiristeensaniif falmu gaaffii inni dursee hiikamuuf dhiheesse utuu hin tuqin, himata amma irratti dhihaateef ol iyyannoo dhiheessuuf yaadeera.