Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessi keenya Dimitrii Viinoogroodoov haadha manaa isaa Zhoonoorgulii fi ijoollee durbaa isaanii, Ariinaa (bitaa) fi Aliissaa (mirga)

CAAMSAA 18, 2021
RAASHIYAA

Obboleessi keenya Dimitrii Viinoogroodoov Yeroo Ariʼatama Dandamatu Kanatti Eebba Yihowaa Akka Argate Isatti Dhagaʼama

Obboleessi keenya Dimitrii Viinoogroodoov Yeroo Ariʼatama Dandamatu Kanatti Eebba Yihowaa Akka Argate Isatti Dhagaʼama

ODEEFFANNOO HAARAA | Manni Murtii Raashiyaa Ol Iyyannoo Isaa Fudhachuu Dide

Onkoloolessa 28, 2021, Manni Murtii Koonyaa Chiliiyaabiniski ol iyyannoo obboleessi keenya Viinoogroodoov dhiheesse fudhachuu dideera. Murtiin kanaan dura isatti murtaaʼee tures hojiirra ooluu isaa itti fufa. Yeroo ammaatti garuu mana hidhaa galuun isarraa hin eegamu.

Waxabajjii 7, 2021 Manni Murtii Koonyaa Chiliiyaabiniski obboleessi keenya Dimitrii Viinoogroodoov yakkamaadha jedhee murteesse. Hidhaa daangaa waggaa lamaatu itti murtaaʼe.

Ibsa Gabaabaa

Dimitrii Viinoogroodoov

  • Bara Dhalootaa: 1963 (Chiliiyaabiniski)

  • Seenaa Jireenyaa: Warri isaa erga wal hiikanii booda kan isa guddise haadha isaa ti. Yeroo boqonnaa isaatti tapha cheezii taphachuu ni jaallata ture; yeroo boodas leenjisaa cheezii taʼee hojjechuu jalqabe. Mana barumsaa dhuunfaa cheezii barsiisutti cheezii barsiisa. Bara 1990⁠tti Zoonoorgul wajjin gaaʼela godhatan. Ijoollee afur qabu, ijoolleen isaanii quxusuun lamaan amma iyyuu isaanii wajjin jiraatu

    Yeroo hundumaa namoonni baratan lafa kan mancaasanii fi namoota kaan kan miidhan maaliif akka taʼe gaafata ture. Kitaaba Qulqulluu irraa deebii quubsaa argateera. Bara 2014⁠tti Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼee cuuphame

Himata

Dhuma 2018⁠tti namoonni dhoksaadhaan mootummaadhaaf hojjetan waaʼee Kitaaba Qulqulluu mariʼachuuf fedhii kan qaban fakkaatanii Diimitrii haasofsiisan. Amajjii 2020, abbootiin taayitaa mareen isaan waaʼee Kitaaba Qulqulluu godhan kun isa irratti himata banuuf quubsaa akka taʼe dubbatan. Jiʼa lama boodas, poolisoonni bakka inni hin jirretti mana isaa seenanii sakattaʼan.

Diimitriin dandeettiin ilaaluu isaa dadhabaa dha; akkasumas dhibee dhiibbaa dhiigaa qaba. Akkana jedheera: “Hariiroon Waaqayyoo wajjin qabu garuu fayyina qaamaa koo irratti kan hundaaʼe miti. Gammachuu qaba, mana murtii keessatti dhugaa baʼuu dandaʼuu kootti nan boona.”

Diimitrii fi maatiin isaa Kitaaba Qulqulluu dubbisuu, irratti xiinxaluu, akkasumas walgaʼiidhaaf qophaaʼuu, irratti argamuu fi yaada kennuu irratti barsiifata gaarii qabu. Waggootaaf akkas gochuun isaanii maatiin kun Yihowaa fi walii isaanitti akka dhihaatan, akkasumas ariʼatama dandamachuuf akka gaariitti akka qophaaʼan isaan gargaareera. Diimitriin itti dabaluudhaan akkana jedheera: “Wantoota guguddaa nu gargaaran keessaa tokko kadhannaa obboloonnii fi obboleettonni keenya waaʼee keenya dhiheessani dha. Yihowaan kadhannaa namoota qajeeloo taʼan kanaa ni dhagaʼa, maatiin koos Yihowaa biraa eebba hedduu argateera.”

Obbolootaa fi obboleettota keenya amanamoo ija jabinaa fi gammachuudhaan ariʼatama isaan irra gaʼaa jiru dandamatan irraa waan hedduu baranna. Obbolootaa fi obboleettota keenya Raashiyaa jiran yommuu yaannu yaada 2 Tasalonqee 1:4 irratti barreeffamee irratti walii galla: “Ariʼatamaa fi rakkina isin irra gaʼe hunda keessatti jabaattanii dhaabbachuu keessanii fi amantii argisiistaniin kan kaʼe, nuti mataan keenya gumiiwwan Waaqayyoo gidduutti isiniin ni boonna.”