Dhimma ijoo ta'etti seeni

GURAANDHALA 11, 2020
RAASHIYAA

Obboleessi keenya Miikhaayil Poopoovii fi Haati Manaa Isaa Yeeleenaan Mana Murtii Raashiyaa Keessatti Yakkaan Himataman—Murtiin Guraandhala 13, 2020 Kennama Jedhamee Eegama

Obboleessi keenya Miikhaayil Poopoovii fi Haati Manaa Isaa Yeeleenaan Mana Murtii Raashiyaa Keessatti Yakkaan Himataman—Murtiin Guraandhala 13, 2020 Kennama Jedhamee Eegama

Manni Murtii Magaalaa Viliyuchinskii Obboleessa keenya Miikhaayil Poopoovii fi haadha manaa isaa Yeeleenaa ilaalchisee Kamisa Guraandhala 13, 2020 murtii kenna jedhamee eegama. Hiriyoonni gaaʼelaa kun Adoolessa 30, 2018, Kaamchaatikaa keessatti kan qabaman yeroo taʼu, Hagayya 9, 2018⁠tti gadhiifaman. Himanni isaan irratti dhihaate “gocha mankaraaristummaa” irratti hirmaataniiru kan jedhu dha.

Miikhaayilii fi Yeeleenaan Yihowaatti amanamuudhaan qorumsa dhiphisaa isaan mudate kana eeggachaa jiru. Yihowaan isa ‘itti kooluu galanii fi humna’ isaanii akka isaaniif taʼu hin shakkinu.—Faarfannaa 46:1.