Dhimma ijoo ta'etti seeni

GURAANDHALA 12, 2020
RAASHIYAA

Obboleessi keenya Yevigenii Aksenoov Namootaa Wajjin Waaʼee Kitaaba Qulqulluu Waan Mariʼateef Yakkaan Himatame

Obboleessi keenya Yevigenii Aksenoov Namootaa Wajjin Waaʼee Kitaaba Qulqulluu Waan Mariʼateef Yakkaan Himatame

Manni Murtii Godina Zyelezinoodoorozyinii, Habaaraviskii keessatti argamu Obboleessa keenya Yevigenii Aksenoov ilaalchisee Jimaata, Fulbaana 14, 2020⁠tti murtii isaa dabarsa. Warri himata isa irratti dhiheessan waggaan sadii akka itti murtaaʼu gaafataniiru.

Obboleessi keenya Aksenoov Ebla 21, 2018⁠tti waaʼee Kitaaba Qulqulluu mariʼachuuf michoota isaa wajjin kutaa walgaʼii hoteela tokkoo keessa ture. Yeroo kanatti qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu keessa jiru maatii kan ijaaru akkamitti akka taʼe namoota achi jiranitti hime. Kanaan kan kaʼes, yakkamaa akka taʼettii fi wanta hawaasa balaadhaaf saaxilu hojjechaa akka jirutti, akkasumas sochii waajjira ilaalcha mankaraaristummaa babalʼisuu qindeesseera jedhamuudhaan himatame. Qorannoon isa irratti geggeeffamu Onkoloolessaa 21, 2019⁠tti eegale.

Dhimmi murtii Obboleessa keenya Aksenoov irratti geggeeffamaa jiru hamma xumuramutti innis taʼe maatiin isaa gargaarsa Yihowaa argachuuf gara isaa ilaaluu isaanii akka itti fufanii fi waadaa Yihowaan namoonni isaaf amanamoo taʼan ‘homaa akka hin dhabne’ gale irratti akka amanaman ni kadhanna—Faarfannaa 34:9.