Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleettii Irinaa Lookveetsikeeyaan

BITOOTESSA 29, 2021
RAASHIYAA

Obboleettii Irinaa Lookveetsikeeyaan Yakkaan Kan Himatamte Taʼus Jabaattee Dhaabatteetti

Obboleettii Irinaa Lookveetsikeeyaan Yakkaan Kan Himatamte Taʼus Jabaattee Dhaabatteetti

ODEEFFANNOO HAARAA | Manni Murtii Raashiyaa Ol Iyyannoo Fudhachuu Dide

Sadaasa 11, 2021, Manni Murtii Naannoo Jiiwiish Awutoonoomoos ol iyyannoo Obboleettii Irinaa Lookveetsikeeyaan dhiheesite fudhachuu dide. Murtiin jalqaba ishiitti murtaaʼe akkuma jirutti itti fufa. Taʼus yeroo kanatti mana hidhaa hin galtu.

Adoolessa 19, 2021, Manni Murtii Koonyaa Biroobiidizhaan inni Naannoo Jiiwiish Awutoonoomoos jiru Obboleettii Irinaa Lookveetsikeeyaan yakkamtuu akka taate kan murteesse yommuu taʼu daangaa waggaa lamaa fi walakkaa itti murteesseera.

Ibsa Gabaabaa

Irinaa Lookveetsikeeyaa

  • Bara Dhalootaa: 1962 (Eezviyeestikoovooyee)

  • Seenaa jireenyaa: Abbaan ishii yeroo umuriin ishii waggaa jaʼa turetti duʼe. Ijoollummaatti, shubbisuu, tiyaatira hojjechuu, shurraabii dhawuu, kubbaa saaphanaa fi kubbaa harkaa taphachuu jaallatti turte

    Abdiin Kitaaba Qulqulluu waaʼee duʼaa kaʼuu ibsu garaa ishii tuqe. Bara 1993 cuuphamtee Dhugaa Baatuu Yihowaa taate. Abbaan manaa ishii erga ishiin cuuphamtee jiʼa torba booda waan duʼeef, ilma isaanii Artar kophaa ishii guddisti

Himata

Guraandhala 6, 2020, qondaaltonni Raashiyaa Obboleettii Irinaa Lookveetsikeeyaa dabalatee obboleettota jaʼa gocha finxaalessummaatiin himatan. Naannoo kanatti ilma Irinaa Artarii fi haadha manaa isaa Aanaa dabalatee Dhugaa Baatota 22 irratti himanni 19 banameera.

Manni murtii yeroo dhimma Irinaa ilaaletti, miidiyaa fi firoota ishii dabalatee namni akka argamu hin heyyamamne. Namni akka argamuu fi dhimmichi gara abbaa alangaatti akka deebiʼu iyyannoon ishiin dhiheessite hin fudhatamne.

Irinaan qorannaa fi qorumsa ishii irra gaʼaa jiruun kan kaʼe, fayyaa gaarii hin qabdu darbee darbee immoo abdii kutatti. Taʼus, barsiifata hafuuraa dhaabbataa qabaachuun jabaattee akka dhaabatu ishii gargaareera. Akkas jetteetti: “Yihowaan barsiifata gaarii akkan qabaadhu na gargaareera. Kitaaba Qulqulluu dubbisuu qofa utuu hin taʼin, hubannaa argachuuf qorannaa nan godha.” Baayʼee dhiphachuu ishiitiin Kitaaba Qulqulluu dubbisuu yeroo dadhabdutti, Yihowaan akka ishii gargaaru gaafatti. Akkas jetteetti: “Cimseen kadhadha, akkasumas deebiʼee barsiifata koo raawwachuuf galma nan baafadha. Yihowaan waaʼee ofii koo qofa utuu hin taʼin, waaʼee warra kaaniis akkan yaadu na barsiiseera.”

Irinaan namoota ishii caalaa deeggarsaa fi jajjabina barbaadan irratti xiyyeeffatti. Isaanis namoota fedhii qabanii fi obbolootaa fi obboleettota ishii dabalatu. Akkas jetteetti: “Waaʼee warra kaanii yommuu yaaddu, gadduuf ykn garmalee dhiphachuuf yeroo hin argattu.”

Gumiinis ishii jajjabeessaa kan jiru yoo taʼu, keessumaa jaarsoliin kana gochaa jiru. Akkas jetteetti: “Isaan irras ariʼatamni gaʼaa kan jiru taʼus, na jajjabeessaa jiru, akkasumas jecha sirrii ittiin na jajjabeessan argachuuf yaalu. Yeroo ani isaan barbaadu hundatti waan argamaniifis isaan nana galateeffadha.”

Irinaan qorumsa dandamachuu itti fufaa yeroo jirtu kanatti, Yihowaan wanta ishii barbaachisu hunda akka ishiif kennu amanannaa qabna. Akkas jetteetti: “Waaʼee ariʼatamaa yeroon dubbisu hundatti, haala akkasii keessatti maal akkan godhun yaada. Yihowaa nan amanadhaa? Amma deebii isaa beekuu nan dandaʼa. Eeyyee, gargaarsa isaatiin isa amanachuu nan dandaʼa. akkuma tajaajiltoota isaa amanamoo jabaadhee nan dhaabadha, Yihowaanis harka koo mirgaa cimsee na qaba.”—Isaayyaas 41:10.