BITOOTESSA 6, 2024
RAASHIYAA
Obboleettii Keenya Yeeleenaa Koozhevniikoovaa Hidhaan Daangaa Waggaa Lamaa Ishiitti Murteeffame
Bitootessa 4, 2024, Mana Murtii Godinaa Sentiroonii Toolyootii inni Naannoo Samaara jiru, obboleettii keenya Yeeleenaa Koozhevniikoovaan yakkamtuu akka taate ishiitti murteesse. Hidhaan daangaa waggaa lamaa ishiitti murteeffameera. Yeroo ammaatti mana hidhaa galuun ishii hin barbaachisu.
Ibsa Gabaabaa
Yihowaan Yeeleenaa dabalatee obbolootaa fi obboleettota keenya ariʼatama dandamachaa jiran hundaaf, “karaa hafuura isaa humna” isaaniif kennuudhaan kadhannaa keenyaaf deebii akka kennu beekuu keenyatti guddaa galateeffanna.—Efesoon 3:16.
Chaartii Yeroo
Caamsaa 15, 2023
Himanni yakkaa ishii irratti baname
Caamsaa 16, 2023
Manni ishii ni sakattaʼame
Caamsaa 18, 2023
Akka hin imalle dhorkamte
Hagayya 16, 2023
Himanni ishii irratti baname mana murtiitti ilaalamuu jalqabe
Bitootessa 4, 2024
Yakkamtuu akka taate itti murteeffame; hidhan daangaa waggaa lamaa ishiitti murteeffame
a Yaanni obboleettii keenya Yeeleenaa kan fudhatame hidhamuu ishii duradha.