Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleettii Laariisaa Artemoonoovaa

Guraandhala 15, 2021
RAASHIYAA

Obboleettii Laariisaa Artemoonoovaan Sababa Amantii Ishiitiin Yakki Itti Murtaaʼe

Obboleettii Laariisaa Artemoonoovaan Sababa Amantii Ishiitiin Yakki Itti Murtaaʼe

Murtii

Guraandhala 12, 2021, Manni Murtii koonyaa Biroobijaan inni Naannoo Jeewiish Awutoonoomoos jiru dhimma obboleettii Laariisaa Artemoonoovaa irratti murtii kenneera. Waggaa jaʼaaf akka hidhamtu itti murtaaʼuu kan dandaʼu taʼus manni murtichaa ruubilee 10,000 (doolaara Ameerikaa 135) akka kaffaltu ishii adabeera.

Ibsa Gabaabaa

Laariisaa Artemoonoovaa

  • Bara Dhalootaa: 1970 (Biroobijaan, Naannoo Jeewiish Awutoonoomoos)

  • Seenaa Jireenyaa: Abbaan ishii yeroo umuriin ishii waggaa sadii turetti ajjeefame. Hojii buskuta hojjechuu, beeksisaa fi barreeffama diizaayinii gochuu, akkasumas wayyaa hodhuu hojjetteetti. Bara 1990tti heerumte. Ilma tokko qabdi, innis Yevigenii jedhama. Yevigeniin dhukkuba baramaa hin taane qaba. Ishiin immoo dhukkuba dandeettii qaamni dhibee of irra ittisuu wajjin wal qabatuu fi buusaa ishii irratti dhiibbaa geessisu qabdi. Dhibee fayyaa kan qabdu taʼus jireenyi ishii sochiidhaan kan guutame dha. Saaykilii oofuu, cabbii irra sigigaachuu fi fakkii namootaa kaasuu jaallatti.

    Gaaffiiwwan waaʼee jalʼina haqaa, gaddaa fi Seexanaa, Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu akka qoʼattu ishii taasiseera. Kitaaba Qulqulluu irraa deebii quubsaa kan argatte yoo taʼu, bara 1995 cuuphamteetti.

Himata

Fulbaana 25, 2019, abbootiin taayitaa Raashiyaa obboleettii Laariisaa Artemoonoovaa irratti himata yakkaa bananiiru. Ilmi ishiis himata yakkaa kan biraatiin himatameera. Isaan Naannoo Jeewiish Awutoonoomoositti Dhugaa Baatota Yihowaa 22 taʼanii fi gocha jaarmiyaa “finxaaleessaa” irratti hirmaataniiru jedhamanii himataman keessaa tokko dha.

Namichi abbaa Laariisaa ajjeese waggaa jaʼaaf akka hidhamu itti murtaaʼee ture. Laariisaan namicha abbaa ishii ajjeese wajjin yeroo walqixa jedhamuu dandaʼuuf sababa amantii ishiitiin akka hidhamtu ishiitti murtaaʼuun isaa haadha ishii fi abbaan buddeenaa ishii baayʼee dinqisiise.

Biroobijaanitti ariʼatamni jalqabuu isaa yeroo muraasa dura Laariisaa fi ilmi ishii tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessan baayʼee dabalanii turan. Laariisaan akkas jetteetti: “Tajaajila Yihowaa irratti hojiin akka nuuf baayʼatu gochuu fi amantii keenyaa fi amantii maatii keenyaa cimsuu keenya yoo itti fufne homaa hin sodaannu.” Itti dabaluudhaanis akkas jetteetti: “Seexanni warra nu ariʼatanitti fayyadamuudhaan sochiiwwan hafuuraa bilisummaa nu dhabsiisa jennee akka yaannu gochuuf yaala. Faallaa kanaatiin Yihowaan wanta nu barsiise yoo raawwanne bilisummaa akka argannu nuuf mirkaneessa.”

Obboloonnii fi obboleettonni 22 taʼanii fi Biroobijaanitti yakkaan himataman Yihowaan amanamummaa isaaniitti akka gammaduu fi arrabsoo Seexanaaf deebii kennaa akka jiran mirkanaaʼoo dha.—Fakkeenya 27:11.