Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleettii Yelenaa Baarmaakiinaa abbaa manaa ishii Dimiitirii wajjin

FULBAANA 28, 2020
RAASHIYAA

Obboleettii Yelenaa Baarmaakiinaan Waan Kadhattee fi Kitaaba Qulqulluu Ishii Waan Dubbisteef Yakkaan Himatamte

Obboleettii Yelenaa Baarmaakiinaan Waan Kadhattee fi Kitaaba Qulqulluu Ishii Waan Dubbisteef Yakkaan Himatamte

Guyyaa Murtii

Fulbaana 29, 2020, a Manni Murtii Vilaadiivoostook inni Koonyaa Peervooreecheenskiitti argamu himata Obboleettii Yelenaa Baarmaakiinaa irratti murtii kennuuf karoorfateera. Hidhaan waggaa sadii ishiitti murtaaʼuu dandaʼa. Obboleettii Baarmaakiinaan murtii ishii eeggachaa yommuu jirtu kanatti, himanni kan biraan abbaa manaa ishii Dimiitirii irratti dhihaate ilaalamuu isaa itti fufeera.

Ibsa Gabaabaa

Yelenaa Baarmaakiinaa

  • Bara Dhalootaa: 1967 (Cheereepaanoovoo, Naannoo Noovoosiibiirskii)

  • Seenaa Jireenyaa: Warra ishii fi akkoo ishii dullooman adda durummaadhaan ishiitu kunuunsa. Suuraa kaasuu kan jaallatuu siʼa taʼu, hojii kana irratti beekamtuu taateetti. Bishaan daakuu fi miillaan deemuu jaallatti

  • Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu yommuu jalqabde, raajiiwwan raawwataman Waaqayyo humna guddaa akka qabu ishii amansiisan. Yihowaan kadhannaa ishii akka ishiidhaaf deebise yommuu argitu immoo amantiin ishii ni guddate. Bara 2003⁠tti abbaa manaa ishii Dimiitiriitti heerumte.

Himata

Adoolessa 28, 2018 ganama saʼaatii 1⁠tti poolisoonni meeshaa hidhatanii fi fuula haguuggatan, appaartaamaa akkoo Obboleetti Yelenaa Baarmaakiinaa umuriin ishii 90 taʼe cabsanii seenan. Yeroo kanatti Obboleettii Baarmaakiinaa fi abbaan mana ishii Dimiitiriin akkoo ishii kunuusuuf achi jiru turan. Obboleessi Baarmaakiinaan qabamee manaa hidhaa yeroo muraasaaf tajaajilutti hidhame. Abbootiin taayitaa “itti aansee situ qabama” jedhanii Obboleettii Yelenaa doorsisan

Waggaa tokko booda, abbootiin taayitaa Obboleettii Yelenaan herrega baankii ishii akka hin fayyadamne dhowwan. Hagayya 6, 2019, qorataan naannoo sanaa tokko Obboleettii Yelenaan kadhachuu, Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi lallaba ilaaluu ishiitiin kan kaʼe yakkaan himate. Yakki ishiin raawwateetti jedhame waanuma namoonni kaan godhan waan taʼeef, abukaatoon ishii manni murtii himaticha akka haqu gaafateera. Haa taʼu malee, abbaan seeraa, gochi Obboleettii Yelenaa “gocha shororkeessummaa” seera Raashiyaatiin dhorkame akka taʼe dubbachuudhaan abbaa alangaa deggere.

Obboleettii Yelenaan sababa qorannaa yakkaa kanaan dhiphina miiraa fi qaamaatiin rakkachaa jirti. Abbaan manaa ishii mana hidhaa yeroo muraasaaf tajaajilutti hidhamee yeroo turetti guyyootaa 447f isa irraa addaan baafamteetti. Obboleettii Yelenaan yeroo qorannaadhaaf barbaadamtu hundatti argamuu waan qabduuf, hojii barbaaddachuuf carraan ishiin qabdus baayʼee dhiphaa dha.

Akkuma qorannaa Kitaaba Qulqulluu keenya irraa hubannetti, abbootiin taayitaa Raashiyaa amanamummaa obbolootaa fi obboleettota keenyaa cabsuuf ‘humnaan darbachuun’ isaanii nu hin dinqisiisu. Haa taʼu malee, Yihowaan ‘gaaddisaa fi jabina’ isaanii akka taʼe waan beeknuuf ni jajjabaanna.—Faarfannaa 118:13, 14.

a Guyyaan isaa jijjiiramuu dandaʼa