AMAJJII 25, 2021
RAASHIYAA
Obboleettiin Gaaliinaa Paarkoovaa Utuma Abbaan Manaa Ishii Mana Hidhaa Jiruu Sababa Amantii Ishiitiin Itti Murteeffamuuf Jedha
Guyyaa Murtiin Itti Kennamu
Manni Murtii Koonyaa Leeniinsikii inni Roostov On Doonitti argamu dhimma obboleettii Gaaliinaa Paarkoovaa irratti murtii dabarsuuf beellama qabateera. a Yakkamtuu akka taate yoo itti murteeffame, abbaan alangaa waggaa sadiif dhorkaa tokko tokko jala akka turtu gaafateera.
Ibsa Gabaabaa
Gaaliinaa Paarkoovaa
Bara Dhalootaa: 1970 (Kaaltan)
Seenaa Jireenyaa: Bara 1990tti, Aleeksaandaritti heerumte. Ijoollee durbaa sadii fi ijoollee ijoollee lama qabu. Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼataniiru. Gaaliinaan bara 1995tti cuuphamte. Faarfachuu fi fakkii kaasuu jaalatti
Himata
Waxabajjii 6, 2019tti abbootiin taayitaa Gaaliinaa irratti himata yakkaa banan. Kun taʼuu isaa torban muraasa dura abbaan manaa ishii Aleeksaandar qabamee mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisanitti hidhamee ture.
Abbaan manaa ishii hidhamee waan jiruuf qarshii jireenyaaf ishii barbaachisu argachuun ulfaataa dha. Kana malees abbootiin taayitaa herrega baankii ishii waan dhorkaniif, miindaa ishii fudhachuu dabalatee qarshii qabdutti fayyadamuu hin dandeessu. Kanaafuu hojii ishii duraanii dhiistee, waan ittiin jiraattu argachuuf hojii garaa garaa hojjechaa jirti.
Obboloonni keenya Raashiyaa jiran ‘namoota qajeeloo akka wanta hamaa hojjetanitti ilaalamaa jirani dha.’ (Lallaba 8:14) Haa taʼu malee, fakkeenyi amantii isaanii qorumsa nu mudatu akkamii iyyuu keessatti jabaannee dhaabbachuu keenya akka itti fufnu nu gargaara.
a Guyyaa murtiin itti kennamu dursee kan beekamu yeroo hunda miti