EBLA 2, 2021
RAASHIYAA
Obboleettiin Keenya Anistaasiyaa Guziivaa Sababa Amantaa Ishiitiin Mana Hidhaa Galuu Dandeessi
Guyyaa Murtiin Itti Kennamu
Manni murtii Aanaa inni Naannoo Jewiish Awutoonomasitti argamu dhiheenyatti dhimma obboleettii keenya Anistaasiyaa Guziivaa irratti murtii ni dabarsa. a
Ibsa Gabaabaa
Anistaasiyaa Guziivaa
Bara Dhalootaa: 1979 (Biiroobijaan)
Seenaa Jireenyaa: Ishii fi obboloota ishii lamaan haadha qeenxee taatetu guddise. Ijoollummaa ishiitti dubbisuu, tapha ispoortii taphachuu fi shubbisuu jaallatti. Umurii waggaa kudhaniitti mana akkoo ishiitti Kitaaba Qulqulluu argite. Kun immoo waaʼee Waaqayyoo caalaatti barachuuf ishii kakaase. Yeroo booda ishii fi haati ishii Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqaban. Lamaan isaanii iyyuu bara 1995tti cuuphaman. Bara 2001tti immoo Konistaantiinitti heerumte
Himata
Qaamoleen mootummaa Raashiyaa Caamsaa 2018tti mana obboleessa keenya Konistaantiinii fi obboleettii keenya Anistaasiyaa sakattaʼan. Konistaantiin Adoolessa 2019tti, Anistaasiyaa immoo Guraandhala 2020tti mankaraasitoota jedhamanii himataman. Obboloota Naannoo Jewiish Awutoonomas jiraatan 23 irratti walumaa galatti himanni 19 dhihaateera.
Qorannoon obboleettii keenyaa Anistaasiyaa fi obboleessa keenya Konistaantiin irratti geggeeffamu jireenyi akka isaanitti ulfaatu godheera. Mankaraasitoota jedhamanii waan himataniif lamaan isaanii iyyuu hojii mana barumsaa muuziqaa keessatti hojjetan dhiisuuf dirqamaniiru. Guraandhala 2021tti obboleessa keenya Konistaantiin irratti hidhaan waggaa lamaa fi walakkaa itti murteeffameera.
Anistaasiyaan wanta jabaattee dhaabbachuuf ishii gargaare akkas jechuudhaan dubbatteetti: “Ariʼatamni narra gaʼuu dandaʼa jettanii yaaduudhaan haala garaa garaa isin mudachuu dandaʼu keessatti maal gochuu akka qabdan sammuu keessan keessatti shaakaluun keessan baayʼee gaarii dha. Fakkeenyaaf, yeroo Yesuus jireenya isaa isa lafa irraa xumuruu jala gaʼetti wanta raawwatame yommuu dubbistan, yeroo qabamutti maal gochuu akka qabu jechuunis,. . . yoom dubbachuu akka qabu, yoom callisuu akka qabuu fi yoo dubbata taʼe immoo maal dubbachuu akka qabu dursee irratti yaade akka ture hubachuun keessan hin oolu.”
Anistaasiyaan keessumaa yaanni Roomaa 8:38, 39 irratti argamu akka ishii jajjabeesse dubbatteetti. Akkana jetteetti: “Caqasa kana keessatti wanti gammaduuf nu gargaaru ibsameera. Qaamonni uumama cufa keessatti humna guddaa qaban lama na jaallatu, qaamni jaalala kan na jalaa fudhachuu dandaʼus hin jiru. Kana hubachuun koo jabaadhee dhaabbachuu fi ija jabeettii taʼuuf na kakaaseera.”
a Guyyaa murtiin itti kennamu yeroo hunda beekuun hin dandaʼamu.