EBLA 15, 2021
RAASHIYAA
Obboleettiin Keenya Liyuudmiilaa Poonoomaaryankoo Ishiin Umuriin Ishii Waggaa Torbaatama Taʼe Himanni Yakkaa Ishii Irratti Dhihaatus Jabaattee Dhaabbatteetti
Guyyaa Murtiin Itti Kennamu
Manni Murtii Roostov On Doon Naannoo Leeniinsikii murtii dhimma obboleettii keenya Liyuudmiilaa Poonoomaaryankoo irratti dabarse yeroo dhihootti ni beeksisa. a
Ibsa Gabaabaa
Liyuudmiilaa Poonoomaaryankoo
Bara Dhalootaa: 1950 (Oolaa, Naannoo Maagaadaan)
Seenaa Jireenyaa: Sooroma baʼuu ishii dura warshaa keessatti hojii elektirikii hojjechaa turte. Ijoollee durbaa lamaa fi ijoollee ijoollee lama qabdi. Dubbisuu fi daanteelii dhaʼuu jaallatti. Abbaa manaa ishii dhukkuba cimaa qabu ni kunuunsiti
Uumaan keenya maqaa dhuunfaa akka qabu yeroo beektetti baayʼee dinqisiifamte. Kaayyoon Waaqayyo lafaa fi ilmaan namootaaf qabus garaa ishii tuqe. Bara 1998tti cuuphamtee Dhugaa Baatuu Yihowaa taate
Himata
Waxabajjii 6, 2019tti obboleettii keenya Liyuudmiilaa Poonoomaaryankoo irratti himanni ni baname. Himanni ishii dhaabbata “finxaaleessummaatiif” iddoo walgaʼii amantaa itti godhatan qopheessuu fi ergaa Kitaaba Qulqulluu warra kaanitti himuu kan dabalatu dha.
Liyuudmiilaan akkuma obbolootaa fi obboleettota Raashiyaa keessa jiran kaanii ariʼatamni ishii irra akka gaʼu yaaddee turte. Akkana jetteetti: “Yeroo obboloota magaalaa Mooskoo fi magaalaa Taagaanroog irratti ariʼatama geessisuu jalqabanitti, oolee bulee hunda keenya irra iyyuu ariʼatamni akkasii akka gaʼu hubadheen ture.”
Sababa dhorkaa Kooviid 19n kan kaʼe obboloonnii fi obboleettonni mana murtiitti argamanii ishii deggeruu fi ishii jajjabeessuu hin dandeenye. Liyuudmiilaan haala kana ilaalchisee akkana jetteetti: “Kophaa koo mana murtiitti dhihaachuun waan na dhiphiseef, yeroon gara mana murtii deemaa turetti sagalee koo gadi qabee faarfannaa Mootummichaa faarfachaa fi Yihowaa kadhachaan ture. Kun jajjabina guddaa naaf argamsiiseera. Yeroon murtiidhaaf dhihaadhetti homaa hin dhiphanne, saʼaatiin isaas dafee dhume.”
Liyuudmiilaan dhimmi kun abbaa manaa ishii fi ijoollee ishii warra Dhugaa Baatota hin taane irratti dhibbaa akkamii akka godhes ibsiteetti. Akkana jetteetti: “Maaliif akkan himatame [isaaniif] galuu hin dandeenye. Ariʼatama kanaan kan kaʼe fayyaan koo hammam akka miidhame waan arganiif baayʼee yaaddaʼanii turan. Yeroo booda garuu miseensonni maatii koo [haalli kun] sirrii akka hin taane hubataniiru; [deggersi isaan] naaf godhan haala isaa dandamachuuf na gargaaraa jira.”
Ariʼatamni ishii irra gaʼus hinaaffaan ishii hin qabbanoofne. Akkana jetteetti: “Wanti amma na irra gaʼaa jirus taʼe wanti Kitaabni Qulqulluun gara fuulduraatti akka raawwatamu raajiidhaan dubbate waanan hin sodaanneef garaan koo gammachuudhaan guutameera. Michummaan Yihowaa wajjin qabu caalaatti cimeera. Yeroo kaan caalaa amma kadhannaa hiika qabuu fi dheeraa taʼen dhiheessa, akkasumas waaʼee dhimma dhuunfaa koo caalaatti kadhachuu jalqabeera.”
Obboleettiin keenya Liyuudmiilaan hafuura Yihowaa fi eebba “gaaddisa Isa Hundumaa Dandaʼuu jala” taʼuudhaan argamu argachuu ishii akka itti fuftu ni amanna.—Faarfannaa 91:1.
a Guyyaan murtiin itti kennamu yoom akka taʼe yeroo hunda beekuun hin dandaʼamu.