BITOOTESSA 17, 2021
RAASHIYAA
Obboleettiin Keenya Taatyaanaa Zaaguliinaan Biroobijaanitti Yakkamtuu Akka Taatetti Himatamte
ODEEFFANNOO HAARAA | Manni Murtii Raashiyaa Ol Iyyannoo Fudhachuu Dide
Fulbaana 16, 2021, Manni Murtii Naannoo Jewiish Awutoonomas ol iyyannoo obboleettiin keenya Taatyaanaa Zaaguliinaan dhiheessite fudhachuu dide. Murtoon jalqaba itti murtaaʼe hojii irra oola. Yeroo kanatti mana hidhaa galuun ishii hin barbaachisu.
Bitootessa 31, 2021, Manni Murtii Godinaa Biroobijaan inni Naannoo Jeewiish Awutoonoomoositti argamu obboleettiin keenya Taatyaanaa Zaaguliinaan yakkamtuu akka taate murteesse. Daangaa waggaa lamaa fi jiʼa jaʼa jala akka turtu itti murteesseera.
Ibsa Gabaabaa
Taatyaanaa Zaaguliinaa
Bara Dhalootaa: 1984 (Ganda Seleektinaayaa, Naannoo Traansi-Baayikaal)
Seenaa Jireenyaa: Faashin dizaayinii baratte. Hojii miidhaginaa fi uffata hodhuu, keessumaa uffata cidhaa hodhuu hojjetti. Kubbaa harkaa fi teenisii taphachuu, akkasumas shubbisuu fi uffata harkaan dhaʼuu jaallatti.
Uumamni baayʼee ishii ajaaʼibsiisa, uumaanis akka jiru ni amanti. Yeroo booda haalli kun Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf ishii kakaase. Achiis bara 2010tti cuuphamte. Bara 2012tti immoo Dimitrii wajjin gaaʼela godhatte.
Himata
Caamsaa 17, 2018tti poolisoonni 150 taʼan manneen Dhugaa Baatota Yihowaa 22 sakattaʼan. Abbootiin taayitaa ergama kana “Guyyaa Murtii” jedhanii waamu. Guyyaa sanaa eegalee qorattoonni seeraa naannoo sanaa obbolootaa fi obboleettota 22 taʼanii fi naannoo sana jiraatan yakkamtoota akka taʼanitti himataniiru. Guraandhala 6, 2020tti immoo Taatyaanaa dabalatee obboleettonni jaʼa sochii mankaraaressitootaa irratti hirmaataniiru jedhamanii himataman.
Dhimmi Taatyaanaa ilaalamuu kan jalqabe Fulbaana 17, 2020 irraa eegalee ti. Abbootiin taayitaa hamma murtii argattutti naannoo ishii keessaa baatee deemuu akka hin dandeenyee fi maallaqa baankiidhaa qabdutti fayyadamuu akka hin dandeenye ishii dhorkaniiru.
Taatyaanaan kadhannaanii fi barsiifata hafuuraa gaarii qabaachuun ishii rakkina kana dandamachuuf, akkasumas lallabuu ishii itti fufuu fi amantii ishiitiif falmuuf akka ishii gargaare dubbatteetti. Akkana jetteetti: “Yommuu [poolisoonni] dhufanii balbala cimsanii rurrukutan sodaadheen ture; taʼus yeruma sana nan kadhadhe. Sana booda tasgabbiin natti dhagaʼame.”
Fakkeenyaaf, yeroo mana ishii sakattaʼaa turanitti poolisii tokkoon, ‘Harʼa amantiin koo caalaatti cimeera’ jetteenii turte. Poolisichi maaliif akka taʼe yeroo ishii gaafatu, yaada Yesuus Yohaannis 15:20 irratti, “Garbichi tokko gooftaa isaa hin caalu. Isaan na ariʼataniiru yoo taʼe, isiniinis ni ariʼatu” jechuudhaan dubbate akka raawwatamu waan gooteef akka taʼe dubbatteetti. Itti dabaluudhaanis, “Isaan keessaa inni tokko, ‘Akkaataan amma itti dubbatte namoota Yesuusiin ajjeesan keessaa tokko akkan taʼetti akka natti dhagaʼamu godhe’ naan jedhe” jetteetti. Itti fufuudhaanis, “Yeroo sanatti haalli sun amantiin koo akka cimu gochuu qofa utuu hin taʼin, nagaa fi gammachuun akka natti dhagaʼamu godheera. Yihowaan na gargaaraa akka jiru hubachuus dandaʼeera” jechuudhaan dubbatteetti. Yeroo mana murtiitti dhihaatetti abbootiin alangaa ishii sossodaachisaa turan. Ija jabina argachuuf erga kadhattee booda garuu, ‘Amantii guutuudhaan dubbachuu dandaʼeera” jetteetti.
Obboloonnii fi obboleettonni keenya Raashiyaa keessatti argaman, ‘hojii isaanii amanamummaadhaan waan hojjetaniif, jaalalaan kakaʼanii carraaqqii gochuu isaanii fi jabaatanii dhaabbachuu isaaniitiif’ Yihowaa ni galateeffanna.—1 Tasalonqee 1:2, 3.