Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleettii keenya Vaalentiinaa Suuvuroovaa fi abbaa manaa ishii Vilaadimiir

BITOOTESSA 9, 2021
RAASHIYAA

Obboleettiin Keenya Umurii Waggaa Torbaatamii Sadii Sababii Amantii Ishiitiin Yakkamtuu Akka Taatetti Itti Murteeffamuu Dandaʼa

Obboleettiin Keenya Umurii Waggaa Torbaatamii Sadii Sababii Amantii Ishiitiin Yakkamtuu Akka Taatetti Itti Murteeffamuu Dandaʼa

Guyyaa Murtii

Manni Murtii Godinaa Metaalurgiichiskii inni magaalaa Cheliyaabiiniskitti argamu dhiheenyatti dhimma obboleettii keenya Vaalentiinaa Suuvuroovaa ilaalchisee murtii kenne ni beeksisa. a Abbaan alangaa amma yoonaatti murtoo akkamii ishii irratti dabarsuu akka dandaʼu hin beeksisne.

Ibsa gabaabaa

Vaalentiinaa Suuvuroovaa

  • Bara Dhalootaa: 1948 (Naannoo Sorobaakoyee Kurgaan)

  • Seenaa Jireenyaa: Mana Barumsaa Muuziqaa Chelaaviniski keessatti waggoota 30 erga barsiistee booda sooroma baateetti. Biqiltuu kunuunsuu, shubbisuu fi muuziqaa dhaggeeffachuu jaallatti.

    Bara 1973⁠tti Vilaadimiir wajjin gaaʼela dhaabbatte. Ilmi isaanii Igoor waggoota hedduu dura dhukkuba kaansariidhaan jalaa duʼeera. Dhiheenya kana immoo haadha ishii fi obboleettii ishii duʼan dhabdeetti.

Himata

Bitootessa 26, 2019⁠tti poolisoonni meeshaa waraanaa hidhatan manneen obboloota keenya naannoo Chelaaviniskii fi Yemaanzyeliiski keessa jiraatanii 20 sakattaʼaniiru. Yeroo dheeraadhaaf qorannoon erga geggeeffamee booda Vaalentiinaan ishiin yeroo ammaatti waggaa 73 taate Kitaaba Qulqulluu waan dubbistee fi wanta itti amantu warra kaanitti waan himteef, Muddee 5, 2019⁠tti yakkamtuu akka taatetti itti murteeffameera. Yeroo ammaatti dhorkaan imalaa irra kaaʼameera. Vilaadimiiris sababa amantii isaatiin yakkamaa jedhamee himatameera.

Utuma rafaa jiranii poolisoonni meeshaa waraanaa atoomaatikii hidhatan yeroo mana isaanii sakattaʼanitti wanta taʼe akkana jechuudhaan dubbatteetti: “Hin dhiqanne, rifeensa keenyaa hin filanne, akkasumas uffata keenya akka gaariitti hin uffanne turre. Kaabineetii, saanduqa faayaa, boorsaa maallaqaa fi kiisii dabalatee wanta hunda gaggalagalchanii sakattaʼan. . . . Wanta okkotee keessa jiru, akkasumas golgaa hundaa fi siree keenya illee ilaalaniiru; wanta hunda sakattaʼaniiru jechuun ni dandaʼama.”

Obboleettiin keenya Vaalentiinaan waan dulloomtee fi dhibee fayyaa waan qabduuf ariʼatamni kun haala keessa jirtu ittuu hammeessuu dandaʼa jettee yaaddaʼaa jirti.

Vaalentiinaan guyyaa guyyaatti Kitaaba Qulqulluu dubbisuun ishii jabaattee dhaabachuuf akka ishii gargaare dubbatteetti. “Caqasa guyyaa dubbisuun koo, wantan dubbise irratti xiinxaluun koo fi hojii irra oolchuun koo rakkoowwan na mudatan hunda dandamachuuf na gargaareera” jetteetti.

Vaalentiinaan itti dabaluudhaan walgaʼii gumiitiif qophaaʼuunii fi irratti argamuun, qoʼannaan dhuunfaa fi waaqeffannaan maatii yeroo rakkisaa akkasii dandamachuuf baayʼee barbaachisaa akka taʼe dubbatteetti. “Walgaʼii hundumaa irratti wanta haaraa hojii irra oolchuun na barbaachisun baradha” jetteetti. Itti dabaluudhaanis, “Gargaarsa Waaqayyo naaf godhuuf yeroo hundan isa galateeffadha” jechuudhaan kadhannaan garaadhaa madde aaragalfii guddaa akka ishiidhaaf argamsiise dubbatteetti.

Vaalentiinaan ofii ishiitiinis taʼe warra kaaniin akkana jetti: “Wanta kam iyyuu hin sodaatinaa. Amantiitti cimaa, akkasumas yaada Maatewos 6:33 fi 2 Qorontos 1:3, 4 irra jiru yaadadhaa.”

Vaalentiinaa fi Vilaadimiir dabalatee obboloonnii fi obboleettonni Raashiyaa keessa jiran yaanni Faarfannaa 64:10 irra jiruu fi, “Namni qajeelaan Yihowaatti ni gammada, isattis kooluu ni gala; warri garaa qajeelaa qaban hundi ni gammadu” jedhu dhugaa taʼuu isaa mirkaneessaniiru.

a Yeroo tokko tokko manni murtii yoom murtii akka kennu beekuun hin dandaʼamu