Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleettii keenya Viiktooriyaa Varkihoturoovaa

HAGAYYA 18, 2021
RAASHIYAA

Obboleettiin Keenya Viiktooriyaa Varkihoturoovaa Yakkaan Himatamtus Gammachuu Ishii Eegdee Jiraatteetti

Obboleettiin Keenya Viiktooriyaa Varkihoturoovaa Yakkaan Himatamtus Gammachuu Ishii Eegdee Jiraatteetti

Chaartii Yeroo

  1. Manni Murtii Koonyaa Piriʼokiskii Nizyinii Novgoordi jiru dhiheenyatti himata obboleettii keenya wajjin wal qabatee dhihaate irratti murtii ni dabarsa jedhamee eegama. Abbaan alangaa adabbiin obboleettii keenya irratti darbu maal akka taʼe hanga yoonaatti hin beeksisne a

  2. Adoolessa 17, 2020

    Imaluu akka hin dandeenye daangaan ishii irratti taasifame

  3. Bitootessa 26, 2020

    Himanni yakkaa ishii irratti baname

  4. Adoolessa 17, 2019

    Seera raawwachiistoota 10⁠nii fi poolisiin qorannaa yakkaa, saʼaatii shaniif mana ishii sakattaʼan. Abbaa manaa ishii Sargee irraa adda baasanii kutaa tokko keessatti ishii hidhan. Poolisoonni jireenyi mana hidhaa keessaa baayʼee rakkisaa akka taʼe ishiitti himuudhaan ishii doorsisuuf yaalii godhanii turan

Ibsa Gabaabaa

Obboloonnii fi obboleettonni keenya Raashiyaa ariʼatamni isaan irra gaʼus, gargaarsa Yihowaatiin gammachuu isaanii eeganii jiraachuu dandaʼaniiru. Yihowaan obboloota keenya jaallatamoo kanaaf “gammachuu fi nagaa” kennuu isaa akka itti fufu amanannaa guutuu qabna.—Roomaa 15:13.

a Guyyaa manni murtii murtoo itti kennu yeroo hunda dursanii beekun hin dandaʼamu.