Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleettii keenya Liyuudmiilaa Shuut

EBLA 30, 2021
RAASHIYAA

Obboleettiin Qaama Miidhamtuu Taʼanii fi Umuriin Isaanii Waggaa 73 Taʼe Yihowaatti Amanamuudhaan Guyyaa Murtii Isaanii Eeggachaa Jiru

Obboleettiin Qaama Miidhamtuu Taʼanii fi Umuriin Isaanii Waggaa 73 Taʼe Yihowaatti Amanamuudhaan Guyyaa Murtii Isaanii Eeggachaa Jiru

ODEEFFANNOO HAARAA | Manni Murtii Raashiyaa Ol Iyyannoo Fudhachuu Dide

Hagayya 25, 2021, Manni Murtii Naannoo Piriimoreetti argamu ol iyyannoo obboleettii Liyuudmiilaa Shuut dhiheessite fudhachuu dide. Murtoon jalqaba itti murtaaʼe hojii irra oola. Yeroo kanatti garuu mana hidhaa galuun ishii hin barbaachisu.

Caamsaa 19, 2021, Manni Murtii Godinaa Naadizyadiiniskii inni Naannoo Piriimoreetti argamu obboleettiin keenya Liyuudmiilaa Shuut ishii umuriin ishii waggaa 73 taʼe yakkamtuu akka taate murteesse. Waggaa afuriif daangaa jala akka turtu itti murtaaʼe.

Ibsa Gabaabaa

Liyuudmiilaa Shuut

  • Bara Dhalootaa: 1947 (Mookoorov, Odola Sookooliin)

  • Seenaa Jireenyaa: Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu kan eegalan jalqaba bara 2000⁠tti dha. Waaʼee raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu yommuu qoʼatan garaan isaanii baayʼee tuqame. Bara 2003⁠tti cuuphaman. Abbaan manaa isaanii kan duʼanis wagguma kana keessatti dha. Ijoollee sadii fi ijoollee ijoollee sadii qabu. Dhibee fayyaa cimaa waan qabaniif gargaarsa warra kaanii malee sochoʼuu hin dandaʼan

Himata

Abbootiin taayitaa Sadaasa 2017 Dhugaa Baatota Yihowaa ganda Raazdoonooyee jiran hordofuu jalqaban. Guraandhala 2020, abbootiin taayitaa obboleettii keenya Liyuudmiilaa Shuut irratti himata banan. Umuriin isaanii kan deemee fi hirʼina qaamaa kan qaban taʼus bakka biraatti akka hin imalle isaan dhorkaniiru.

Haalli himanni sun itti geggeeffame obboleettii keenya Liyuudmiilaa irratti dhiibbaa qaamaa fi miiraa cimaa isaan irraan geessiseera. Dandeettiin ilaaluu isaanii dadhabaa waan dhufeef amma sadarkaa baqaqsanii hodhuu barbaachisu bira gaʼeera; kana malees hirriba rafuu hin dandeenye. Taʼus obboleettii keenya Liyuudmiilaan guutummaatti Yihowaatti waan amanamaniif inni eegumsa isaaniif gochaa akka jiru mirkanaaʼoo dha. Yihowaan akkuma Isaayyaas 26:3 irratti waadaa gale, “nagaa wal irraa hin cinne” isaaniif kennaa jira.

Namoonni hidhata amantii isaanii taʼan obboleettii keenya Liyuudmiilaatiif gargaarsa jaalala irratti hundaaʼe gochaa jiru. Keessumaa obboloonni waaʼee isaanii akka kadhatan beekuun isaanii baayʼee isaan gammachiisa. “Kana matumaa hin irraanfadhu” jedhaniiru.

Ilmi isaanii fi intalli isaanii ishiin dhumaa Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu baatanis, yeroo rakkisaa taʼe kanatti isaanii wajjin taʼuudhaan deggersa guddaa isaaniif godhaniiru.

Obboleettiin keenya Shuut murtii manni murtii dabarsu yeroo eeggachaa jiran kanatti, “humna Waaqayyootti amanamuu” isaanii itti fufuu akka dandaʼaniif amanannaa guutuudhaan ni kadhanna.—2 Ximotewos 1:8.