Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleettiin Yuuliyaa Kaaganoovich

GURAANDHALA 11, 2021
RAASHIYAA

Obboleettiin Yuuliyaa Kaaganoovich Qophii Gochuun Ishii Ariʼatama Akka Dandamattu Ishii Gargaareera

Obboleettiin Yuuliyaa Kaaganoovich Qophii Gochuun Ishii Ariʼatama Akka Dandamattu Ishii Gargaareera

Guyyaa Murtiin Itti Kennamu

Guraandhala 18, 2021, a Manni Murtii Biroobijaan inni Naannoo Jeewiish Awutoonoomoos jiru dhimma obboleettii Yuuliyaa Kaaganoovich irratti murtoo kennuuf karoorfateera. Abbaan alangaa adaba obboleettii Yuuliyaan akka adabamtu barbaadu ilaalchisee homaa hin dubbanne.

Ibsa gabaabaa

Yuuliyaa Kaaganoovich

  • Bara Dhalootaa:1966 (Mikaayelovkah, Naannoo Volgagraad)

  • Seenaa Jireenyaa: Sivil injiinariingii baratte. Dargaggeessa yeroo turtetti mana barumsaa daansiitii baratteetti, mana barumsaa muuziqaatii eebbifamteetti, garee muuziqaa tokko keessa turteetti, akkasumas garee tokko keessaa faarfateetti. Abbaan manaa ishii Aleeksaandar Dhugaa Baatuu Yihowaa miti, taʼus ishii deeggara akkasumas himanni yakkaa ishiin himatamte seeraan ala akka taʼe ni amana.

    Namoota jaalattu duʼaan dhabuun ishii waaʼee kaayyoo jireenyaa akka yaaddu ishii kakaaseera. Deebii Kitaabni Qulqulluun kennu nagaa fi tasgabbii akka argattu ishii gargaareera. Bara 1998 cuuphamte. Qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu gaaʼelli ishii akka cimu, walitti dhufeenyi warra kaanii wajjin qabdu akka fooyyaʼuu fi ilma ishii Aartar isa Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe akka guddistu ishii gargaareera.

    Ishiin dhibee fayyaa kan qabdu yoo taʼu, himanni yakkaa kunis itti caalchisaa jira

Himata

Obboleettiin Yuuliyaa Kaaganoovich akkana jettetti, “ganamaan yommuu balbala koo rurrukutanitti yeruma sana eenyu akka taʼan hubadheen ture. Onneen koo saffisaan rukuta ture, akkasumas irra deddeebiʼuudhaan: ‘Maaloo Yihowaa na gargaari. Maaloo Yihowaa na gargaari’ qofan jedha ture.”

Obboleettii teenya Maanguddoo ishii umuriin ishii 53 taʼe irra sababa amantii ishiitiin ariʼatamni gaʼuu kan jalqabe Onkoloolessa 10, 2019, magaalaa Raashiyaa Biroobijaanitti ture. Poolisoonni Tajaajila Nageenyaa Fedaraalaa (FSB) naannoo tokkotti manneen obbolootaa fi obboleettotaa 20 ol kan sakattaʼan yoo taʼu, sakattaʼinsi obboleettii keenya Yuuliyaa isaan keessaa tokko dha.

Sakattaʼinsi kun baayʼee ulfaataa ture, taʼus obboleettiin keenya Yuuliyaa fi Dhugaa Baatonni kaan dursanii qophaaʼuun isaanii jabaatanii akka itti fufan isaan gargaareera.

Yuuliyaan akkas jettetti, “walgaʼiiwwan keenya irratti irra deddeebiʼuudhaan manni keenya sakattaʼamuu akka dandaʼuu fi qophaaʼuu akka qabnu dubbanna turre. Nu mudachuu akka hin oolle waanan beekeef, maal gochuu fi dubbachuu akkan qabu dursee of qopheesseen ture.” Itti dabaluudhaanis akkas jettetti, “waaʼee gara fuulduraa dursanii yaaduun hammam barbaachisaa akka taʼen hubadhe. Kanaan kan kaʼes, wantan godhu wallaalee burjaajaʼuu fi sodaachuu mannaa, sirriitti yaaduu dandaʼeera.”

Abbootiin taayitaa Raashiyaa yeruma sana erga sakattaʼanii booda himata yakkaa bananiiru. Yuuliyaanii fi obboloonni kaan sochii mankaraarsitummaa irratti hirmaatanittu jedhamanii himatamaniiru.

Bitootessa 3, 2020tti, abbootiin taayitaa dhimma kana Manni Murtii Biroobijaanitti dhiheessaniiru. Sababa weerara dhibee daddarbaa COVID-19n kan kaʼe, dhimmichi jiʼa shan booda akka ilaalamu godhameera. Yuuliyaan Onkoloolessa 22, 2020tti mana murtiitti dhihaateetti.

Yuuliyaan, “gama tokkoon dhimma kana keessa galuu hin barbaadu. Gama kan biraatiin garuu, ol aantummaa Yihowaatiif dhaabachuun gammachuu naaf argamsiisa” jechuudhaan dubbatetti.

Ishiin akkas jettetti, “Yaanni Isaayyaas 41:10 irra jiru wanta baayʼee na barbaachisudha. Caqasicha koppii gochuudhaan mana koo keessa fanniseera, caqasni kunis waadaa Yihowaan naaf gale na yaadachiisa. Yihowaan dhuunfaatti akka na jabeesse hubadheera.”

Yuuliyaan haala dhiphisaa keessatti tasgabbaaʼuuf, ija jabaachuu fi gammachuu qabaachuuf caqasoota ishii gargaaran yaadatti qabachuuf carraaqqii guddaa gootetti.

Qorumsa gara fuulduraa nu mudatuuf karaa sammuu, karaa miiraa fi hafuuraa qophaaʼoo taʼuuf yeroo ammaa ogummaadhaan itti haa fayyadamnu. “Yihowaan warra amanamummaadhaan deddeebiʼan, Wanta gaarii tokko iyyuu akka hin dhowwanne” mirkanaaʼaa taʼuu dandeenya.—Far. 84:11.

a Guyyaan isaa jijjiiramuu dandaʼa.