Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaa irraa gara mirgaatti: Aleeksii Buudanchuuk, Aleeksii Miiratiskii, Feeliiksi Maakhaamaadiyee, Genaadii Jarmanii fi Roomaan Giriidaasoov

GURAANDHALA 24, 2020
RAASHIYAA

Obboloonni Dhugaa Baatota Yihowaa Raashiyaatti Mana Hidhaa Keessatti Reebaman Gargaaran

Obboloonni Dhugaa Baatota Yihowaa Raashiyaatti Mana Hidhaa Keessatti Reebaman Gargaaran

Ooranbargi, Raashiyaa keessatti obboloonni shan akka malee akka reebaman gabaasni akkuma baʼeen obboloonni magaalattii keessatti argaman gargaarsa kennuuf jecha yeruma sana gara mana hidhaa sanaa dhaqan. Obboloonni hidhamanii turan, jechuunis Aleeksii Buudanchuuk, Genaadii Jarman, Roomaan Giriidaasoov, Feeliiksi Maakhaamaadiyee fi Aleeksii Miiratiskiin, magaalaa Saaraatoov ishii Ooranbargi irraa kiilomeetira 800 fagaattu irraa dhufan.

Obboleessi keenya Feeliiksi Maakhaamaadiyeen eegdota mana hidhaatiin reebamee gara torbee lamaa boodaa jaakkeettii madaa isaa dhoksu uffatee seeqaa jira

Guraandhala 15, 2020⁠tti gabaasonni intarneetii irraa Ooranbargi Raashiyaa keessatti eegdonni Peenaal Kolonii Lakk.1 keessa jiran obboloota Saaraatoov irraa dhufan shan uleedhaan akka tuman saaxilaniiru. Obboloonnii fi obboleettonni keenya naannoo sana jiraatan akkuma gabaasawwan sana dubbisaniin gara peenaal kolonii sanaa dhaqan. Achiis bilisummaa isaanii kan tuqu taʼus ija jabinaan Dhugaa Baatota Yihowaa akka taʼan dubbatan. Achiis waaʼee nageenya obboloota sanaa akka isaanitti himan poolisoota guyyaa sana hojii irra turan gaafatan. Obboleessi Maakhaamaadiyeen baayʼee miidhamuudhaan hospitaala akka seene gabaafamee waan tureef obboloonni Ooranbargi kun lubbuudhaan jiraachuu isaa mirkaneeffachuu akka barbaadan gaafatan. Mariin isaan poolisoota sanaa wajjin taasisan gara saʼaatii lamaa fudhatee ture.

Kana malees, obboloonni Ooranbargi kun garee namootaa obboloota hidhaman kanaa fi haadhotii manaa isaaniitiif gargaarsa dhaabbataa godhu abukaatoowwan isaanii wajjin qindeessaniiru. Obboloonni Ooranbargi yeroo hundumaa obboloota mana hidhaa peenaal kolonii sana keessa jiraniif xalayaa jajjabinaa kan barreessan taʼuu isaa irra iyyuu, nyaata madaalamaa mana hidhaa sana keessatti hin argamne bitachuu akka dandaʼaniif qarshii walitti isaaniif qabaniiru.

Jaalalli obbolootaa fi fedhii ofii aarsaa gochuun isaanii hojjettoota peenaal kolonii sanaaf dhuga baʼumsa guddaa kenneera. Dhugaa Baatonni Yihowaa walii isaaniitiif garaadhaa akka yaadan, kanas kan godhan obboloota isaanii kiilomeetira hedduu isaan irraa fagaatanii jiranii fi kanaan dura arganii hin beekneef taʼuu isaa arganiiru.

Obboloonni keenya gorsa Ibroota 13:3 irra jiru hojii irra oolchuun isaanii nama jajjabeessa; caqasichi akkana jedha: “Akkuma isaanii wajjin hidhamtanii jirtan gootanii yaaduudhaan warra mana hidhaa keessa jiran yeroo hunda yaadadhaa; akkasumas isin mataan keessan iyyuu qaama fooniitiin waan jirtaniif warra dhiphinni isaan irra gaʼaa jiru yaadadhaa.”