Dhimma ijoo ta'etti seeni

Gubbaa irraan, bitaadhaa gara mirgaatti: Obboleessa Yiivgeenii Deshkoo; Obboleessa Ruuslaan Koroliyoov. Gadii, mirgaa gara bitaatti: Obboleessa Viiktoor Maalkoovii fi haadha manaa isaa Veeraa; Obboleessa Vaalarii Shaaliyeevii fi haadha manaa isaa Isvetlaanaa. Obboleessi Viiktoor inni obboloota kana sadanii wajjin himatamee ture murtiin dabarfamuu isaa dura duʼaan boqoteera

BITOOTESSA 24, 2021
RAASHIYAA

Obboloonni Ismooleniski Jiraatan Afur Ariʼatama Cimaa fi Hidhaa Sababa Amantii Isaaniitiin Isaan Irra Gaʼe Dandamataniiru

Obboloonni Ismooleniski Jiraatan Afur Ariʼatama Cimaa fi Hidhaa Sababa Amantii Isaaniitiin Isaan Irra Gaʼe Dandamataniiru

GABAASA HAARAA | Manni Murtii Raashiyaa Obboloonni Sadii Makaraarsitoota Akka Taʼanitti Murteesse

Ebla 23, 2021, Manni Murtii Ismoolaniski Indaastiryaal Distiriikt obboloonni keenya Yiivgeenii Deshkoo, Ruuslaan Koroliyoovii fi Vaalarii Shaaliyeev yakkamtoota akka taʼanitti murteesse. Obboleessi keenya Ruuslaanii fi Vaalarii waggaa jaʼaa fi walakkaadhaaf daangaawwan tokko tokko jala akka turan itti murteeffameera. Obboleessi keenya Yiivgeeniin immoo waggaa jaʼaaf daangaawwan tokko tokko jala akka turu itti murteeffameera. Taʼus, mana hidhaa hin galan.

Guyyaa Murtiin Itti Kennamu

Manni Murtii Ismoolaniski Indaastiryaal Distiriikt dhimma obboloota Yiivgeenii Deshkoo, Ruuslaan Koroliyoov fi Vaalarii Shaaliyeev jedhamanii irratti dhiheenyatti murtii isaa ni beeksisa. a Abbaan alangaa, Yiivgeenii fi Ruuslaan irratti hidhaan waggaa sagalii, Vaalarii irratti immoo hidhaan waggaa saddeetii akka murteeffamu gaafateera. Obboleessi Viiktoor Maalkoov, inni dhimma kanaan himatamee ture manni murtii murtoo kennuu isaa dura duʼaan boqoteera.

Ibsa Gabaabaa

Yiivgeenii Deshkoo

  • Bara Dhalootaa: 1989 (Soochii)

  • Seenaa Jireenyaa: Ogeessa yaalii sukkuummaa fi konkolaachisaa taʼee, akkasumas hojii elektiriikii hojjeteera. Maatii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan keessatti guddate. Ulaagaalee Kitaaba Qulqulluutiif kabaja guddaa waan qabuuf tajaajila loltummaa irratti hirmaachuu dideera. Bara 2012⁠tti cuuphame. Bara 2012 hanga 2014⁠tti hospitaala tokko keessatti gargaaraa taʼee hojjechuudhaan tajaajila hawaasummaa kenneera

Ruuslaan Koroliyoov

  • Bara Dhalootaa: 1982 (Ismooleniski)

  • Seenaa Jireenyaa: Ijoollummaa isaatti meeshaa elektiroonikii suphuu barachuun isa gammachiisa ture. Yeroo booda, makaanikii taʼeera. Raayyaa waraanaa Raashiyaa keessatti tajaajileera. Yeroo Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qoʼannaa jalqabetti dhugaa Kitaaba Qulqulluu nama jajjabeessu barate. Bara 2004⁠tti cuuphame

Viiktoor Maalkoov

  • Bara Dhalootaa: 1959 (Ismooleniski)

  • Seenaa Jireenyaa: Makaanikii fi anaaxii taʼee, akkasumas hojii baaxii hojjeteera. Haadha manaa isaa Veeraa wajjin gaaʼela kan dhaabbate bara 1992⁠tti dha. Ijoollummaa isaatti kubbaa miilaa taphachuu jaallata ture. Obboleessa isaa rakkina ijaa qabu gargaara ture

    Nama jeequmsa kakaasu ture; sababa kanaatiin waggaa torbaaf hidhameera. Gaaʼelli isaas diigamuu jala gaʼee ture. Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu erga qoʼatee booda garuu nama naga qabeessa, lammii seera kabajuu fi abbaa manaa fakkeenya gaarii taʼu taʼeera. Bara 2008⁠tti cuuphame. Ebla 25, 2020⁠tti duʼaan boqote

Vaalarii Shaaliyeev

  • Bara Dhalootaa: 1977 (Yaartiseevo)

  • Seenaa Jireenyaa: Dargaggummaa isaatti Afaan Ingiliffaa barateera. Dhaabbata raayyaa waraanaa irraa eebbifameera. Raayyaa waraanaatiif hojii herreegaa hojjechuuf Baha Fagoo Raashiyaa deemee ture. Raayyaa waraanaa keessaa erga baʼee booda immoo gorsaa hojii herreegaa taʼee hojjeteera. Bara 1999⁠tti Isvetlaanaa ishii koolleejjiitti wal baree turee wajjin gaaʼela dhaabbatee ilma ishii waggaa afurii wajjin guddisaniiru. Kubbaa miilaa fi fiigicha ni jaallata

    Haati isaa Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu yeroo jalqabdetti wanta baratte isatti himti turte. Wanti ishiin itti amantu dogoggora akka taʼe ishiidhaaf mirkaneessuuf yaalii kan godhe taʼus, yeroo booda dhugaa taʼuu isaa hubateera. Bara 2002⁠tti cuuphame

Himata

Ismooleniskitti ariʼatamni kan jalqabe Manni Murtiin Ol Aanaa bara 2017⁠tti hojii Dhugaa Baatota Yihowaa Raashiyaa keessatti daangessuu isaa dura dha. Muddee 18, 2016⁠tti, Galma Walgaʼii Ismooleniskitti argamu keessatti utuu walgaʼii gumii godhachaa jiranii poolisoonni meeshaa waraanaa hidhatan 15 walgaʼii isaanii addaan kutaniiru. Obboloonnii fi obboleettonni gara 60 taʼan walgaʼicha irratti argamanii turan. Yeroo sanatti, poolisoonni barreeffamoota mootummaan Raashiyaa “miʼoota finxaalessummaa” jedhee ibse ofuma isaaniitii erga dhoksanii booda waan achitti argatan fakkeessan.

Sana booda bara 2018 fi 2019⁠tti mana obbolootaa sakattaʼuu, isaan qabuu fi mana hidhaatti isaan galchuu isaanii itti fufaniiru. Ebla 25, 2019⁠tti poolisoonni manneen muraasa erga sakattaʼanii booda obboloota keenya Ruuslaan Koroliyoov, Vaalarii Shaaliyeevii fi Viiktoor Maalkoov qabaniiru. Viiktoor poolisoota sanaan, “Namaa wajjin waanan wal loleef waggaa torbaaf hidhameen ture; achiis Dhugaa Baatuu Yihowaan taʼe. Amma immoo misiraachicha waanan lallabeef . . . na hidhuu barbaadduu? jedhe.”

Obboloota kana booda Obboleessi Yiivgeenii Deshkoo qabamee guyyoota muraasaaf hidhameera. Yiivgeenii, “Haalli kun akka na irra gaʼu waanan yaadeef of qopheesseen ture” jedheera. Dubbii Yihowaan Iyyaasuutti dubbatee fi “Onnadhu, cimis . . . Bakka dhaqxu hundumaatti Waaqni kee Yihowaan sii wajjin waan jiruuf, hin naʼin yookiin hin sodaatin” jedhu irraa jajjabina argachuu isaa itti fufeera. (Iyyaasuu 1:9) Yiivgeenii, “Caqasa kana irratti Yihowaan onnatoo akka taanu nu jajjabeesseera, akka nu deggerus waadaa nuuf galeera” jedheera.

Ruuslaan yeroo mana hidhaa turetti yaada Yesuus Maatewos 6:34 irratti argamu irratti akka xiinxale dubbateera. Ruuslaan maaltu taʼuu dandaʼa jedhee hin yaaddaʼu; akkana jedheera: “Xalayaa barreessuu, Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi namoota anaa wajjin hidhamanitti waaʼee dhugaa himuudhaan qabameera. Hojiidhaan waanan qabameef dhiphachuuf yeroo hin qabu.”

Bitootessa 2020⁠tti qorataa Tajaajila Nageenyaa Fedaraalaa kan taʼan Bezruukoov dhorkaa obboloota arfan irratti godhame isaaniif hirʼisuudhaan manaa baʼuu akka dandaʼan isaaniif heyyame. Mana hidhaa keessatti, akkasumas mana isaaniitii utuu hin baʼin gara waggaa tokkoo turaniiru. Obboloonni amanamoon kun bilisummaa dabalataa kan argatan, yeroo mana hidhaa turanitti abbootii taayitaatiif abboomamuu isaanii fi tasgabbii qabaachuu isaanii waan itti fufaniifi. Qorataan kun bilisummaa dabalataa yoo isaaniif kenne, wanta hojii isaa akka hin hojjenne isa dhowwu akkamii iyyuu akka hin goone, akkasumas deebiʼanii yoo qorataman akka hin didne mirkanaaʼaa ture.

Kan nama gaddisiisu, yeroo muraasa booda Viiktoor duʼaan boqote. Namoonni baayʼeen Viiktoor kan dhukkubsatee fi yeroo booda kan duʼe haala dhiphisaa mana hidhaa keessa jiruun, akkasumas yeroo qoratamaa turetti isa mudateen kan kaʼe akka taʼe dubbatu.

Ruuslaan, Vaalarii fi Yiivgeeniin fakkeenya Viiktoorii fi obboloota hamma dhumaatti amanamoo taʼan kaanii hordofuuf kutataniiru. Wantoota hafuuraa irratti waan xiyyeeffataniif, yeroo ariʼatamaatti jabaatanii dhaabbachuu qofa utuu hin taʼin gammachuus qabu.

Vaalariin akkana jedheera: “Hidhamuu kootiin kan kaʼe Yihowaan caalaatti natti dhihaateera. Akka yeroo ammaa isatti dhihaadhee hin beeku. Yeroo hundumaan Kitaaba Qulqulluu dubbisa. Manni hidhaa iddoo namatti tolu miti; taʼus namoonni gargaarsa Yihowaa utuu hin argatin illee dandamachaa jiru. Kanaafuu, yommuu gargaarsa Yihowaa argannu caalaatti akka dandamannu hin shakkisiisu.”

Yiivgeeniin gargaarsa Yihowaa argachaa akka jiru amma caalaatti mirkanaaʼaa taʼeera. Akkana jedheera: “Keessumaa yeroo qorumsi cimaan nu mudatutti Abbaan keenya akka nu gargaaru mirkanaaʼaa taʼeera. Kanaafuu, qorumsi gara fuulduraatti dhufuu dandaʼu baayʼee na hin yaaddessu.”

Murtiin manni murtii dabarsu maal iyyuu yoo taʼe Yiivgeeniin, “Haalawwan rakkisoo taʼan kana hundumaa dandamachuu fi amanamaa taʼee itti fufuuf wanta naaf dandaʼame hundumaa gochuuf kutadheera” jedheera.

Obboloonni kunii fi maatiiwwan isaanii gargaarsa Yihowaatiin haala rakkisaa kana gammachuudhaan dandamachuu isaanii akka itti fufan beekna.—2 Tasalonqee 3:5.

a Manni murtii murtoo kan dabarsu yoom akka taʼe yeroo hunda beekuun hin dandaʼamu.