Dhimma ijoo ta'etti seeni

Aleeksaandar Bandarchukii fi haadha manaa isaa Elenaa (bitaa), Sargee Yaavuushikii fi haadha manaa isaa Taatiyaanaa (mirga)

EBLA 2, 2021
RAASHIYAA

Obboloonni Keenya Aleeksaandar Bandarchukii fi Sargee Yaavuushikiin Warri Yeroo Dheeraadhaaf Mana Isaanii Keessatti Hidhamaa Turan Murtoo Manni Murtii Dhiheenyatti Kennu Eeggachaa Jiru

Obboloonni Keenya Aleeksaandar Bandarchukii fi Sargee Yaavuushikiin Warri Yeroo Dheeraadhaaf Mana Isaanii Keessatti Hidhamaa Turan Murtoo Manni Murtii Dhiheenyatti Kennu Eeggachaa Jiru

ODEEFFANNOO HAARAA | Manni Murtii Raashiyaa Ol Iyyannoo Fudhachuu Dide

Guraandhala 16, 2022 Manni Murtii Naannoo Keemeroovoo ol iyyannoo obboloonni keenya Aleeksaandar Bandarchukii fi Sargee Yaavuushikiin dhiheessan fudhachuu dide. Yeroo ammaatti garuu mana hidhaa galuun isaan hin barbaachisu.

Waxabajjii 22, 2021, Manni Murtii Koonyaa Zaavoodiskii inni Kemeroovaatti argamu Obboloonni keenya Aleeksaandarii fi Sargeen yakkamtoota akka taʼan murteesse, akkasumas daangaa waggaa afuriitu itti murteeffame.

Ibsa Gabaabaa

Aleeksaandar Bandarchuk

  • Bara Dhalootaa: 1974 (Tookii, Naannoo Kemeroovaa)

  • Seenaa Jireenyaa: Yeroo abbaan isaa duʼetti umuriin isaa waggaa 19 ture. Mana barumsaa galee konkolaataawwan ijaarsaa konkolaachisuu barateera. Yeroo booda immoo hojii mukaa hojjechuu barate. Yeroo ammaatti hojiin isaa meeshaa sibiila baqsu suphuu dha. Qurxummii kiyyeessuu, cabbii irra sigigaachuu, saayikilii oofuu fi fiigicha jaallata

  • Bara 1992​tti Elenaa wajjin gaaʼela godhatan. Maatii ishii keessaa dursee Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kan jalqabe ishii dha. Ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuun isaanii gaaʼela isaanii isaaniif cimeera. Ijoollee dhiiraa lama qabu.

Sargee Yaavuushikiin

  • Bara Dhalootaa: 1960 (Rubsooski, Naannoo Altaay)

  • Seenaa Jireenyaa: Waggoota hedduudhaaf hojii sibiilaa hojjeteera. Yeroo ammaatti furtuu hojjeta. Dargaggummaa isaatii eegalee, gitaaraa fi gosoota ispoortii garaa garaa taphachuu jaallata

  • Bara 1990​tti Taatiyaanaa wajjin gaaʼela godhatan. Utuma baayʼee hin turinis Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qoʼachuu jalqaban. Keessumaa Kitaabni Qulqulluun kitaaba durii taʼus bara keenyattis kan nu fayyadu taʼuun isaa baayʼee isaan dinqisiisa. Ilma tokkoo fi intala tokko qabu

Himata

Adoolessa 22, 2019 ganama saʼaatii 12:00​tti qaamoleen mootummaa mana obboleessa keenya Aleeksaandar Bandarchukii fi Sargee Yaavuushikii yeroo lammataatiif marsan. Yeroo kanatti garuu obboloonni kun lamaan ni hidhaman; haadhotiin manaa isaanii immoo ni qorataman. Qaamoleen mootummaa kun meeshaalee elektirooniksii isaanis jala fudhataniiru.

Aleeksaandar fi Sargeen bakka turmaataa keessa tursiifaman. Sana booda, Manni Murtii Aanaa Kemerovoo jiʼa lamaaf mana isaanii keessatti akka hidhaman itti murteesse; booda garuu guyyaa itti baʼan siʼa jaʼa dheeressaniiru.

Obboloonni lamaanuu yeroo mana isaanii keessatti hidhamanitti mana isaanii irraa meetira 300 ol fagaachuu hin dandaʼan. Kanaafuu, bakka hojii isaanii dhaquu hin dandaʼan. Haa taʼu malee, obboloonni lamaanuu yakkamtoota jedhamanii himatamuu isaanii dura hawaasa isaanii fi hojjechiiftota isaanii biratti maqaa gaarii qabu turan. Kanaafuu, hojjechiistonni isaanii qaamolee mootummaa sanaan bakka hojii isaanii dhufuu akka dandaʼan gaafatanii turan. Taʼus, ol iyyannoon isaanii fudhatama hin arganne.

Aleeksaandarii fi maatiin isaa Yihowaan yeroo baayʼee isaan gargaaraa akka ture arganiiru. Inni hojjechuus taʼe maallaqa isaanii baankii jiru baafachuu waan hin dandeenyeef rakkinni diinagdee isaan mudateera. Akkana jedheera: “Qorumsa kanaan kan kaʼe caalaatti Yihowaatti hirkachuu fi isatti amanamuu baradheera. Isa kanaan duraa caalaa Yihowaan na gargaaraa akka jiru guyyaa guyyaadhaan arguu dandaʼeera. Yihowaan anas taʼe maatii koo deggeruu fi jaallachuu isaa hin dhiisne.”

Himanni yakkaa isa irratti dhihaate obboleessa keenya Sargee baayʼee dhiphiseera. Kanaan kan kaʼes, sammuu isaa keessatti dhiigni ni dhangalaʼe. Haalli fayyaa isaa gaarii taʼuu baatus ilaalcha sirrii qabaatee itti fufuu dandaʼeera. Akkana jedheera: “Rakkina nu irra gaʼu dandamachuun yeroo hunda salphaa taʼuu baatus, rakkinni yeroodhaaf nu irra gaʼu kun baayʼee salphaa dha.”

Sargeen yaada 1 Qorontos 15:58 irra jiruu fi “Gooftaa wajjin haala wal qabateen, dadhabbiin keessan gatii kan hin qabne akka hin taane [beekaa]” jedhu irraa jajjabina argateera. Itti fufuudhaanis, “Yihowaan wanta hundumaa dabalatee hojii keenya isa gaarii yeroo hunduma ni yaadata” jedheera.

Obbolootaa fi obboleettota keenya Raashiyaa keessa jiranii fi ariʼatama waggoota hedduudhaaf isaan irra gaʼaa jiru obsaan dandamachaa jiraniif ni kadhanna. Dubbii Waaqayyoo isa, “Yihowaan warra isa sodaatanitti, warra jaalala isaa isa amanamaa eeggatanitti ni gammada” jedhu irraa jajjabinaa fi cimina argachuu isaanii akka itti fufan ni hawwina.”—Faarfannaa. 147:11.