Dhimma ijoo ta'etti seeni

Karaa Bitaatiin: Obboleessa keenya Antoon Karzihaakoovii fi haadha manaa isaa Aliyoonaa; Karaa mirgaatiin: Obboleessa keenya Nikoolaa Pirookhoroovii fi haadha manaa isaa Yelenaa

AMAJJII 27, 2022
RAASHIYAA

Obboloonni Lama Yihowaan Akka Isaan Gargaare Hubachuudhaan Ija Jabeeyyii Taʼaniiru

Obboloonni Lama Yihowaan Akka Isaan Gargaare Hubachuudhaan Ija Jabeeyyii Taʼaniiru

Manni Murtii Godinaa Kirsaanooviskii naannoo Tamboov keessatti argamu, himata obboloota kenya Antoon Karzihaakoovii fi Nikoolaa Pirookhoroov irratti banamerratti Dhiheenyatti murtii dabarsa. Hanga ammaatti abbaan alangaa wanta obboloota keenya irratti akka murteeffamu barbaadu hin beeksisne.

Chaartii Yeroo

  1. Muddee 21, 2020

    Obboloonni keenya Antoonii fi Nikoolaan, hojii jaarmiyaa mankaraarsaa taʼee waan gurmeessaniif himanni seeraa isaan irratti baname

  2. Muddee 24, 2020

    Qorattoonni, mana Antoon dabalatee naannoowwan 19 sakattaʼan. Achiis Antoon irratti qorannaa geggeessuuf mana isaa irraa Kiilomeetira 350 fageessanii fuudhanii deeman. Nikoolaa irrattis qorannaa erga geggeessanii booda naannoo sanaa akka hin baane isa ajajan

  3. Muddee 25, 2020

    Antoon, manatti akka hin deebine kan dhowwame yeroo taʼu, achiis mana hidhaa yeroodhaaf keessa turfamanitti ergame

  4. Hagayya 30, 2021

    Antoon, mana hidhaa keessa turfamu kan biraatti isa geessan

Ibsa Gabaabaa

Yihowaan obboloota keenya ariʼatamni isaan irra gaʼaa jiruuf jabinaa fi deggersa kennuu isaa akka itti fufu matumaa hin shakkinu.—Fakkeenya 1:33.

a Yeroo ammaatti obboleessi keenya Karzihaakoovii mana hidhaa hanga guyyaa murtiitti keessa turan keessa jira. Yeroo kanatti isa irraa yaada fudhachuun hin dandaʼamu ture.