Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaadhaa gara mirgaatti: Obboleessa Vilaadmiir Kokhiloov, Obboleettii Taatiyaanaa Shaamsheewaa, Obboleettii Oolgaa Silaayivaa fi Obboleessa Edwaardi Ziinziikov

FULBAANA 3, 2020
RAASHIYAA

Obboloonni Lamaa fi Obboleettonni Lama Amantii Isaaniitiin kan Kaʼe Itti Murteeffame

Obboloonni Lamaa fi Obboleettonni Lama Amantii Isaaniitiin kan Kaʼe Itti Murteeffame

Murtii

Manni Murtii Magaalaa Novozyiibkoov, Naannoo Biriyaaniski Obboleessa Vilaadmiir Kokhiloov, Obboleettii Taatiyaanaa Shaamsheewaa, Obboleettii Oolgaa Silaayivaa fi Obboleessa Edwaardi Ziinziikov irratti Fulbaana 3, 2020⁠tti murtii dabarseera. Waggaa tokkoo hamma waggaa tokkoo fi jaʼa sadiitti akka hidhaman itti murteeffameera. Haa taʼu malee, murtiin isaaniif kennamuu isaa dura iyyuu yeroo hammasii hidhaadhaan waan dabarsaniif gadhiifamaniiru.

Ibsa Gabaabaa

Vilaadmiir Kokhiloov

  • Bara Dhalootaa: 1977 (Novozyiibkoov, Naannoo Biriyaaniski)

  • Seenaa Jireenyaa: Makaanikii dha. Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu isaa dura waraana keessatti tajaajileera. Kubbaa miilaa taphachuu, dubbisuu, qurxummii qabuu fi gitaara taphachuu jaallata

  • Michuun isaa tokko Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu isa jajjabeesse. Bara 2007⁠tti Oolgaa fuudhe. Intala Anaastasiyaa jedhamtu qabu. Maatichi waliin taʼee Yihowaa tajaajilaa jira

Taatiyaanaa Shaamsheewaa

  • Bara Dhalootaa: 1977 (Chereepoovetsi, Naannoo Voologdaa)

  • Seenaa Jireenyaa: Ikonoomistii dha. Waggoota hedduudhaaf Ikonoomiksii, seeraa fi akkaawuntiingii barsiisteetti. Bara 1995⁠tti cuuphamte. Gorsa gaarii Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu warra kaanitti himuun ishii gammachiisa

Oolgaa Silaayivaa

  • Bara Dhalootaa: 1988 (Daaviidovoo, Naannoo Mooskoo)

  • Seenaa Jireenyaa: Ijoollee sadii keessaa ishii quxusuu dha. Mana barumsaa ogummaatii tarmaal injinaringiitiin digriidhaan eebbifamte. Xilfii hojjechuu jaallatti. Dubbisuu fi kubbaa harkaa taphachuun ishii gammachiisa. Kitaaba Qulqulluudhaaf dinqisiifannaa kan horatte fakkeenya haadha ishii hordofuudhaani

Edwaardi Ziinziikov

  • Bara Dhalootaa: 1971 (Zaadniyaa, Naannoo Biriyaaniski)

  • Seenaa Jireenyaa: Hojii biyyadaa fi hojii qulqullinaa hojjeteera; akkasumas poolisoota biratti qacaramee hojjeteera. Miseensa garee muuziqaa tokkoo ture. Bara 1993⁠tti Taatiyaanaa ishii miseensa garee muuziqaa kanaa taate fuudhe. Walaloo barreessuu fi gitaara taphachuu jaallata

  • Dhuma bara 1990mmaniitti Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kan jalqabe yeroo taʼu, gaaffiiwwan isaa hedduudhaaf deebii argateera. Gaaffiiwwan isaatiif deebii argachuun isaa amala gadhee qabu jijjiiruuf, akkasumas jireenya maatii isaa fooyyessuuf isa kakaaseera. Kunis Taatiyaanaa baayʼee dinqisiiseera. Kanaan kan kaʼes ishiinis Dhugaa Baatuu Yihowaa taatetti

Himata

Waxabajjii 11, 2019⁠tti Raashiyaatti Naannoo Biriyaaniskitti abbootiin taayitaa manneen Dhugaa Baatota Yihowaa 22 sakattaʼaaniiru. Obboleettiin Taatiyaanaa Shaamsheewaa fi Obboleettiin Oolgaa Silaayivaa ni qabaman. Lamaan isaanii iyyuu murtiin isaaniif kennamuu isaa dura guyyaa 245 hidhaadhaan dabarsaniiru. Caamsaa 2020⁠tti gadhiifamaniiru; murtiin kan isaan eeggatu taʼus mana isaaniitti deebiʼuu dandaʼaniiru.

Onkoloolessa 16, 2019⁠tti abbootiin taayitaa Obboleessa Vilaadmiir Kokhiloov fi Obboleessa Edwaardi Ziinziikov irratti himata banan. Yeroo booda himanni isaanii kun himata Obboleettii Taatiyaanaa fi Obboleettii Oolgaa irratti dabalame. Guyyaa torba booda obboloonni kun murtiin utuu isaaniif hin kennamin akka hidhaman kan ajajame yeroo taʼu, hanga harʼaatti achuma jiru.

Obboleettonni kun Gabaasa Qaama Ol Aanaa 2020 Lakk. 5 irratti gaafannoon isaaniif godhamee ture. Obboleettiin Oolgaan jiʼa saddeetiif hidhaadhaan dabarsuun ishii faayidaa akkamii akka ishiidhaaf argamsiise yeroo dubbattu, “Yeroo haalli rakkisaan na mudatutti, haalli isaa hammam iyyuu ulfaataa yoo taʼe Yihowaan hafuura qulqulluu rakkina sana dandamachuuf nu gargaaru yeroo hundumaa akka nuuf kennu amaneera” jetteetti. Obboleettiin Taatiyaanaa amanannaadhaan, “Yihowaan yeroo hundumaa nu wajjin jira; inni yeroo hundumaa nu deggera, nu jabeessaa, nu gargaaras” jetteetti.

Yihowaan obboloota keenya warra Raashiyaatti hidhamuu dandaʼanii fi amma iyyuu hidhamanii jiran rakkina isaan irra gaʼu gammachuu fi nagaa qabaatanii akka dandamatan isaan gargaaruu isaa akka itti fufu amanannaa qabna.—1 Qorontos 10:13.