Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaadhaa gara mirgaatti: Obboleessa Ruustaam Daayaarov, Obboleessa Yiivgeenii Ivaanoovii fi haadha manaa isaa Oolgaa, akkasumas Obboleessa Sergee Kiliikunoov

ONKOLOOLESSA 21, 2021
RAASHIYAA

Obboloonni Raashiyaa Jiran Mana Hidhaa fi Mana Isaanitti Hidhamaa Kan Jiran Taʼus Gammadoo Taʼanii Itti Fufaniiru

Obboloonni Raashiyaa Jiran Mana Hidhaa fi Mana Isaanitti Hidhamaa Kan Jiran Taʼus Gammadoo Taʼanii Itti Fufaniiru

ODUU HAAREFFAME | Bitootessa 3, 2022, Manni Murtii Naannoo Astirikaan ol iyyannoo Obboleessi Ruustaam Daayaarovii fi Sergee Kiliikunoov, akkasumas Obboleessi Yiivgeenii Ivaanoovii fi haati manaa isaa, Oolgaan dhiheessan fudhachuu dide. Arfan isaanii akkuma hidhamanii jiranitti itti fufu.

Chaartii Yeroo

  1. Onkoloolessa 25, 2021

    Manni Murtii Koonyaa Tiruusooviskii inni magaalaa Astirikaanitti argamu Ruustaam, Yiivgeenii fi Sergeetti hidhaa waggaa saddeetii murteesseera. Haadha manaa Yiivgeenii kan taate Oolgaatti immoo hidhaan waggaa sadii fi jiʼa jahaa murtaaʼeera. Obboloonni sadan durumayyuu mana hidhaa jiru. Obboleettiin teenya Oolgaanis yeruma sana mana hidhaatti geeffamteetti

  2. Waxabajjii 11, 2020

    Ruustaam, Yiivgeenii fi Sergeen buufata poolisiitti ergaman. Oolgaan immoo mana ishii keessatti akka hidhamtu taasifame

  3. Waxabajjii 9, 2020

    Poolisoonni 100 ol taʼan manneen maatiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa magaalaa Astirikaanitti argaman 27 weeraran. Ruustaam, Yiivgeenii, Oolgaa fi Sergeen buufata poolisiitti hidhaman

  4. Waxabajjii 8, 2020

    Ruustaam, Yiivgeenii, Oolgaa fi Sergee irratti himanni yakkaa ni baname. Obboloonni kun sochii finxaalessummaa akka gurmeessanii fi maallaqaan akka deggeran himataman. Oolgaan sochii finxaalessummaa irratti akka hirmaatte himatamte

Ibsa Gabaabaa

Yihowaan yeroo rakkinaatti tajaajiltoota isaa amanamoo taʼanitti yeroo hunda dhihoo taʼuu isaa beekuun keenya baayʼee nu jajjabeessa.—Faarfannaa 139:5, 10.