BITOOTESSA 27, 2020
RAASHIYAA
Oboleessi Keenya Igoor Ivaashiin Raashiyaa Keessatti Hidhaa Waggaa Torbaatu Isa Eeggata
Manni Murtii Godina Leeniskii Rippuubliikii Saakaa obboleessa keenya Igoor Ivaashiin ilaalchisee murtii isaa Bitootessa 31, 2020 beeksisa. Abbaan alangaa waggaa torbaaf akka hidhamu barbaada.
Guraandhala 2018, Manni Murtii Magaalaa Yaakutiskii wanta obboleessi keenya Ivaashiin bilbilaan haasaʼu waraabuu akka jalqabu poolisiidhaaf heyyama kennee ture. Jiʼoota muraasa booda, abbootiin taayitaa naannoo mana obboleessa keenya Ivaashiin dabalatee manneen Dhugaa Baatota Yihowaa saddeet sakattaʼan. Innii fi Dhugaa Baatonni kaan 21 taʼan gara buufata poolisiitti geeffamanii saʼaatii dheeraadhaaf qorannaan isaan irratti taasifame. Abbaan alangaa sun sochiiwwan jaarmiyaa “mankaraarsaa” taʼee qindeesseera jechuudhaan obboleessa keenya Ivaashiin irratti himata dhiheessuu barbaade.
Sadaasa 20, 2019, ragaa qabatamaan waan dhabameef himanni kun gara waajjira abbaa alangaatti deebiʼe. Abbaan alangaas ol iyyannoo dhiheesse, himanni sunis qorannaadhaaf gara mana murtii godinaatti deebiʼee ergame. Achiis Guraandhala 2020 irraa eegalee himanni kun dhagaʼamuu jalqabe.
Obboleessi keenya Ivaashiinii fi haati manaa isaa Naataaliyaan, ijoollee durbaa lama qabu. Himanni obboleessa keenya Ivaashiin irratti dhihaatu xumuramuuf jedha; yeroo kanatti maatiin isaa ‘obsaa fi gammachuudhaan guutummaatti jabaatanii dhaabbachuu’ isaanii akka itti fufan ni kadhanna.—Qolosaayis 1:11.