Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Vaadiim Kutseenkoo fi haadha manaa isaa Eekateriinaa bara 2018⁠tti

GURAANDHALA 18, 2020
RAASHIYAA

Poolisoonni Chiitaa, Raashiyaa keessatti Obboleessa keenya irratti dararama guddaa geessisan

Poolisoonni Chiitaa, Raashiyaa keessatti Obboleessa keenya irratti dararama guddaa geessisan

Poolisoonni seera raawwachiistota taʼanii fi Chiitaa, Raashiyaa keessatti argaman Obboleessa keenya Vaadiim Kutseenkoo isa Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe Guraandhala 10, 2020 galgala baayʼee miidhaniiru. Poolisoonni kun irra deddeebiʼanii kan isa rukutan siʼa taʼu, isa hudhuudhaan akkasumas garaa isaa fi miilla isaatti elektiriikii gadhiisuudhaan dararama guddaa irraan gaʼaniiru. Yeroo akkana godhanittis waaʼee namoota isaa wajjin waaqeffatan kaanii odeeffannoo akka kennu gaafachaa turan.

Guyyaa sana ganama poolisoonni Tajaajila Nageenyaa Federaalaa (FSB) mana Obboleessa keenya Kutseenkoo dabalatee manneen Dhugaa Baatotaa 40 Chiitaa keessatti argaman sakattaʼaniiru. Halkan saʼaatii shanitti utuma inni mana amaatii isaa jiruu humni poolisii addaa Raashiyaa isa qaban. Poolisoonni yeruma sana harka isaatti sansalata kaaʼanii mataa isaatti haguuganii daggala keessatti isa geessuudhaan dararama guddaa irraan gaʼan. Obboleessi keenya Kutseenkoon dararamni cimaan irra gaʼus waaʼee namoota isaa wajjin waaqeffatanii odeeffannoo tokko iyyuu hin kennine. Malli isaanii buʼaa akka hin qabne waan hubataniif gaaffii dabalataa isa gaafachuuf gara biiroo qorataatti isa geessan.

Sana booda Obboleessi keenya Kutseenkoon obboloota dabalataa duula Chiitaa keessatti geggeeffame booda qabaman sadii, jechuunis Sarjii Kiriliyuuk, Paavel Maamaalimoovii fi Vilaadmiir Yermolaayeev wajjin mana hidhaatti geeffameera.

Guyyaa lama booda, Manni Murtii Godina Ingoodiniskii Obboloonni keenya Kutseenkoon, Kiriliyuukii fi Maamaalimoov saʼaatii 72f akka hidhaman itti murteesse. Obboleessa keenya Yermolaayeeviin immoo gadhiisuudhaan manatti toʼannaa jala akka turu murteesseera.

Guraandhala 15⁠tti qorataan isaanii ragaa quubsaa ittiin isaan himatu waan hin arganneef obboleessi keenya Vaadiim Kutseenkoo fi obboloonni kaan lamaan gadhiifamaniiru. Qoratichi utuu mana murtiitti isaan hin dhiheessinii fi dhorkaa tokko iyyuu isaan irra hin kaaʼin obboloota kana gadhiiseera.

Obboleessa keenya Kutseenkoo dabalatee obboloonni keenya Raashiyaa keessatti argaman kaan ‘cimoo fi ija jabeeyyii’ taʼuu isaanii akka itti fufan isaaniif kadhanna; qorumsa isaanii hundumaa keessattis Yihowaan isaan deggeraa akka jiru hin shakkinu.—Iyaasuu 1:7, 9.