Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessi Igoor Avraameenkoo isa dhiheenya duʼe haadha mana isaa Yeeleenaa wajjin

BITOOTESSA 30, 2020
RAASHIYAA

Poolisoonni (FSB) Mana Obboleessa Raashiyaa Duʼaan Boqote Tokkoo Yommuu Sakattaʼan Badii Geessisan

Poolisoonni (FSB) Mana Obboleessa Raashiyaa Duʼaan Boqote Tokkoo Yommuu Sakattaʼan Badii Geessisan

Bitootessa 23, 2020, Raashiyaa, Naannoo Khaabaarooviskiitti obboleessi Igoor Avraameenkoo jedhamu dhukkuba onneetiin erga duʼee guyyaa jaʼa booda Poolisoonni Federaalaa (FSB) gara jabinaan mana isaa sakattaʼuudhaan badii geessisaniiru. Poolisoonni kun waraqaa heyyama sakattaaʼuu maqaan Obboleessa Avraameenkoo irratti barreeffame kan qabatan taʼus, kompiitara, kaameeraa fi miʼawwan dhuunfaa haadha manaa isaa Yeeleenaa fudhataniiru.

Guyyaa sana gara ganamaa poolisoonni seera eegsisan bakka Obboleettii Yeeleenaan hojjettu dhaquudhaan fuudhanii gara manaatti kan fidan siʼa taʼu, hogganaan warra sakattaʼanii Istaanislaav Greebeenkin waraqaa heyyama sakattaʼuu qabatee ishii eegaa ture. Obboleettii Yeeleenaan yeroo kanatti abbaan manaa ishii akka duʼe Greebeenkinitti himte. Innis dhimmicha akka beeku erga ibsee booda, abbootiin taayitaa heyyama sakattaʼuu kan baasan Obboleessi Avraameenkoon akka duʼe beekamuu isaa dura akka taʼe dubbatee sakattaʼuu itti fufe.

Namichi sakattaʼu kun poolisoonni kan sakattaʼan irruma keessa akka taʼe Obboleettii Yeeleenaatiif mirkaneesse. Achiis, “dhimmicha dhiheenyatti cufuu fi mana galmee [FSB] kaaʼuuf” sakattaʼiinsi kun barbaachisa akka taʼe ibse. Haa taʼu malee, mana ishii sakattaʼuudhaan badii cimaa geessisuu jalqaban.

Naannoo Khaabaarooviskiitti Dhugaa Baatota kudhan irratti himanni yakkaa banameera. Abbootiin taayitaa obboloonnii fi obboleettonni keenya Raashiyaa jiran amantii isaanii gansiisuuf yaalii cimaa gochuu isaanii kan itti fufan taʼus, isaan Yihowaa Abbaa keenya isa samii, ‘yoo amanattanii fi gab jedhan jabina’ akka argatan ni beekna.—Isaayaas 30:15.