Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaadhaa gara mirgaatti: Anaatolii Raazdoobaaroov haadha manaa isaa Gireetaa wajjin, Nikoolaayii Meeriinoov haadha manaa isaa Liiliyaa wajjin, poolisoota Raashiyaatiin miidhaan qaamaa isaan irra gaʼuu isaa dura

ONKOLOOLESSA 10, 2021
RAASHIYAA

Poolisoonni Raashiyaa Hiriyoota Gaaʼelaa Lama Miidhan

Poolisoonni Raashiyaa Hiriyoota Gaaʼelaa Lama Miidhan

Poolisoonni Raashiyaa meeshaa hidhatanii fi OMON a jedhaman Wixata Onkokoloolessa 4, 2021 Obboleessaa Anaatolii fi Obboleettii Gireetaa Raazdoobaaroov, akkasumas Obboleessaa Nikoolaayii fi Obboleettii Liiliyaa Meeriinoov irra miidhaa qaamaa geessisan. Gochi gara jabinaa kun kan gaʼe, yeroo gareen poolisootaa tokko manneen Dhugaa Baatota Yihowaa Irikuutiskitti argaman 12 weeraretti ture. Poolisoonni kun yeroo kanatti obboloota kan biroo hedduus hidhaniiru.

Poolisoonni kun ganama saʼaatti 12⁠tti mana Anaatolii fi Gireetaa humnaan seenan. Achiis Gireetaa rifeensa ishii qabanii gototanii kutaa biraa keessa erga galchanii booda harka ishii duubatti hidhanii irra deddeebiʼanii reeban.

Anaatolii immoo lafa irra ciibsanii harka isaa duubatti erga hidhanii booda, mataa isaa fi garaa isaa irra dhiitan. Poolisoonni kun harka isaa isa duubatti hidhame qabanii lafa irraa ol isa kaasan. Yeroo kanatti ulfaatinni qaama isaa harka isaa waan micciireef Anaatoliin baayʼee isa dhukkube. Poolisoonni harka isaa rukutaa yakkamaa taʼuu isaa akka amanuu fi waaʼee obbolootaa odeeffannoo akka kennu isa gaafatan. Dabalataanis poolisoonni xaarmusii hudduu isaatti galchuudhuuf yaaluudhaan isa dhiphisan. Manni Raazdoobaaroov saʼaatii saddeetii oliif weeraramee ture.

Poolisoonni mana Nikoolaayii fi Liiliyaa Meeriinoov humnaan yommuu seenanitti jalqaba wanta ulfaataa tokkoon Nikoolaayiin fuula isaa rukutan. Achiis of walaalee lafa irratti kufe. Yeroo of barutti poolisiin tokko isa irra taaʼee yommuu isa reebu arge. Poolisichi ilkaan Nikoolaay isa fuulduraa cabse. Liiliyaa immoo rifeensa ishii qabanii siree irraa gototanii erga buusanii booda harka ishii hidhan. Achiis irra deddeebiʼanii erga ishii tumanii booda, uffata ishii seeran akka uffatu ishiif heyyaman.

Haala suukaneessaa akkasiitiin aangootti fayyadamuun, Seera Yakkaa Raashiyaatiin ni adabsiisa. Kana malees, Federeeshiniin Raashiyaa seera addunyaa nageenya qaamaa nama tokkoo eegisisuuf baʼe akka eegu ni dubbata. Kanaafuu hiriyoonni gaaʼelaa kun yakka kanaaf furmaata argachuuf biyya keessas taʼe addunyaa irratti seera jiru hundatti ni fayyadamu.

Poolisoonni manneen Irikuutiskiitti argaman 12 weeraranii fi hiriyoota gaaʼelaa lama erga miidhaanii booda guyyaa jirutti, obboloonnii fi obboleettonni gara 300 taʼan, obboloota buufata poolisiitti akka hidhaman itti murtaaʼe jaʼa deggaruuf Mana Murtii Irikuutiskii isa Okityaabriskii jiruu dhaqaniiru

Weerara kana guyyaa lama booda obboloonni itti aansee eeraman jaʼa buufata poolisiitti akka hidhaman manni murtii ni ajaje: Yaarooslaav Kaaliin, Sergee Koosteev, Nikoolaayii Maartiinoov, Miikhaaʼiil Mooʼiish, Aleeksii Soolneechinii fi Andiree Toolmaacheev. Obboloonnii fi obboleettonni gara 300 taʼan namoota jalʼinni haqaa irra gaʼe kana deggeruuf nagaadhaan gara mana murtii dhaqaniiru.

Obbolootaa fi obboleettota keenya Raashiyaa jiraniin wantuma Phaawulos warra Tasalonqeetiin jedhe kana jechuu barbaanna: “Ariʼatamaa fi rakkina isin irra gaʼe hunda keessatti jabaattanii dhaabbachuu keessanii fi amantii argisiistaniin . . . nuti mataan keenya gumiiwwan Waaqayyoo gidduutti isiniin ni boonna.”—2 Tasalonqee 1:4.

a Eegdota Biyyoolessaa Raashiyaa Kaayyoo Addaatiif Bakka Adda Addaatti Sochoʼan