Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaadhaa gara mirgaatti tarree gubbaa: Obboleessa Aleksii Buudeenchuuk, Deenis Kiristeensan, Geenaadii Jeermaanii fi Roomaan Giriidaasoov. Tarree gadii: Obboleessa Vaadiim Kuutseenkoo, Feeliiks Makhaamaadyeevii fi Aleksii Miireetiskii

SADAASA 6, 2020
RAASHIYAA

Qondaaltonni Addunyaa Ariʼatama Raashiyaan Dhugaa Baatota Yihowaa Irratti Geessistu Balaaleffatan

Qondaaltonni Addunyaa Ariʼatama Raashiyaan Dhugaa Baatota Yihowaa Irratti Geessistu Balaaleffatan

“Jalʼina haqaa guddaa.”— Gaayil Maanchiin Dura Buutuu USCIRF

Qondaaltonni Awurooppaa fi Yunaayitid Isteetis ariʼatama Raashiyaan Dhugaa Baatota Yihowaa irra geessistu balaaleffachuu itti fufaniiru.

Komishinii Yunaayitid Isteetis Bilisummaa Amantii Biyyoolessaa irratti hojjetu (USCIRF)

Dura Buutuun Gaayil Maanchiin ibsa ejjennoo Onkoloolessa 27, 2020 baʼe irratti akkas jetteetti: “Gochi Raashiyaan Deenis Kiristeensan irratti raawwattu USCIRF baayʼee isaan rifachiisa. Mootummaan namni qulqulluun kun waaqeffannaa isaa nagaadhaan waan geggeeffateef qofa jibbaa akka jiru ifa dha. Mootummaan gara laafina itti argisiisuu mannaa, yakkamaa cimaa akka taʼetti isa ilaalaa jira. Kun jalʼina haqaa guddaa fi suukanneessaa dha.”

Dura Buutuun Maanchiin karaa USCIRF pirojektii dhimma namoota sababa Amantiitiin Hidhamanitti fayyadamtee mirga Deenis Kiristeensaniif falmaa jirti. Obboleessi Deenis Kiristeensan yeroo adda addaa hedduu waggaa jaʼaaf akka hidhamu itti murtaaʼuu isaa USCIRF cimsee balaaleffateera.

Kana malees, Raashiyaan Obboleessa Kiristeensan dursitee gadhiisuu diduu ishii USCIRF ibsa ejjennoo baase irratti balaaleffateera. Akka gabaasa USCIRFitti inni “dursee akka gadhiifamu Waxabajjii 23, [2020,] kan murteeffame taʼus, abbaan alangaa murtoo kana yeruma sana mormeera. Kiristeensan gadhiifamuu mannaa seera mana hidhaa akka cabse himatamee kutaa mana hidhaa qilleensa gaʼaa hin qabnetti hidhameera.”

USCIRF ibsa ejjennoo isaa kana Gabaasa Waggaa bara 2020 waaʼee dhimma kanaa baase eeruudhaan xumureera. Gabaasni kun mootummaan Raashiyaa, “qindoominaan, itti fufiinsaa fi haala suukanneessaa taʼeen mirga amantii sarbuu isaatiif” balaaleffatee ture. Akkasumas mootummaan Yunaayitid Isteetis Raashiyaan “biyya yaaddessituu” akka taatetti ilaaluudhaan akka adabu gaafateera.

Mana Maree Mirga Namummaa Mootummoota Gamtoomanii

Haaluma wal fakkaatuun, qondaaltonni Mana Maree Mirga Namummaa Mootummoota Gamtoomaniitiin filataman saddeet, Biiroo Mootummoota Gamtoomaniitti Bakka Buʼaa Federeeshinii Raashiyaatiif xalayaa barreessaniiru. Qondaaltonni kun xalayaa kana irratti, “Federeeshiniin Raashiyaa Dhugaa Baatota ariʼachuu itti fufuun isaa, Wiirtuu Bulchiinsa Dhugaa Baatota Yihowaa Seenti Piitisbargitti argamu cufuu fi sochii isaan waajjiroota damee 395⁠tti godhan dhorkuun isaa” baayʼee akka isaan rifachiise ibsaniiru. Dabalataanis qondaaltonni kun Raashiyaan ariʼatama kana akka dhaabdu waamicha hawaasni addunyaa maraa dhiheesse diduu ishii balaaleffataniiru.

Qondaaltonni UN kun seerri ifa hin taanee fi Raashiyaan shororkeessummaa ilaalchisee baaste, “sochii amantii Dhugaa Baatota Yihowaa dhaabsisuuf, isaan sossodaachisuuf, poolisiidhaan mirga isaanii sarbuu fi mana isaanii sakattaʼuuf, tokko tokko qoruu fi darbee darbee immoo yakkaan himatanii mana hidhaa galchuuf akka qophaaʼe” ibsaniiru.

Qondaaltonni kun, “mirgi Dhugaa Baatonni Yihowaa waaqeffannaa isaanii geggeessuuf qaban akka seera (1) ICCPR a keeyyata 18tiitti eegumsa argachuu akka qabu” ibsaniiru. Kanaafuu, Federeeshiniin Raashiyaa “Seera Fedaraalaa Shororkeessummaa Dhorkuuf bara 2002⁠tti baʼe bilisummaa yaadaa, qalbii fi amantii heera mootummaatiin raggaasifame karaa dogoggoraatiin sarbuuf akka itti hin fayyadamne” gaafataniiru.

Kana malees, xalayaan kun gocha gara jabinaa obboloota keenya irratti raawwatamu tokko tokko saaxileera. Fakkeenyaaf, Dhugaa Baatota Guraandhala 6, 2020 Saaraatoovitti reebaman shan caqaseera. Xalayaan kun akkas jechuudhaan ibseera: “Dhugaa Baatonni qabaman sababa amantii isaaniitiin yeroo baayʼee haala gadhee keessatti hidhamu, gochi gara jabinaa akkasumas miidhaan qaamaa fi miiraa dararuu wajjin wal gitu isaan irratti raawwatama.”

Xalayaan qondaaltota kanaa, ariʼatama cimaa poolisoonni Raashiyaa Guraandhala 10, 2020 Obboleessa Vaadiim Kuuteenkoo irratti geessisan caqaseera. Qondaaltonni Raashiyaa Obboleessa Kuuteenkoo akka hin dararre haalaa jiru. Taʼus qondaaltonni UN wanta abbootiin taayitaa Raashiyaa jedhan kan hin amanne siʼa taʼu, “Dhugaa Baatonni Yihowaa nagaadhaan waaqeffannaa isaanii geggeessuu isaaniitiin kan kaʼe guutummaa biyyattiitti akka yakkamtootaatti ilaalamuun isaanii baayʼee akka isaan yaaddessu” ibsaniiru.

Mana Maree Koree Ministeerota Awurooppaa

Raashiyaan bara 2017⁠tti Dhugaa Baatota Yihowaa dhorkuu fi ariʼachuu erga jalqabdee kaasee, ishiin mirga Dhugaa Baatota Yihowaa b sarbuu akka dhiistu murtoo Manni Maree Mirga Namummaa Awurooppaa godhe lamaan kabajuu fi dhiisuu ishii Manni Maree Koree Ministeerota Awurooppaa c sirriitti ilaalaa jira. Kanaafuu, Koreen kun Onkoloolessa 1, 2020 murtoo tokko godheera. Murtoon kun akka ibsutti, “dhorkaan bara 2017 godhamee fi gabaasawwan maddeen adda addaa irraa dhufan baayʼee isaan yaaddessa. Gabaasawwan akka ibsanitti, dhorkaa kanaan kan kaʼe Dhugaa Baatonni Yihowaa waaqeffannaa isaanii nagaadhaan waan geggeessaniif qofa toʼannaa jala oolaa, ariʼatamaa fi hidhamaa jiru.”

Jalʼina haqaa wal fakkaatu hambisuuf, Koreen kun Raashiyaan “seera shororkeessummaa isa dhorkaa kana gochuu fi Dhugaa Baatota Yihowaa yakkaan himachuuf buʼuura ishiidhaaf taʼe” karaa itti fooyyessitu akka barbaaddu yaada dhiheesseera. Dabalataanis Raashiyaan, “dhorkaa kana kaasuu fi Dhugaa Baatonni waaqeffannaa isaanii nagaadhaan geggeessuu isaaniitiif himata yakkaa isaan irratti dhihaate hunda haquuf” akka irratti yaaddu gaafateera. Raashiyaan yaada dhihaate kana hojii irra oolchuu fi dhiisuu ishii bara 2021⁠tti irra deebiʼamee ilaalama.

Bara 2017 kaasee, obboloonnii fi obboleettonni keenya Raashiyaa fi Kiriimiyaa jiran 400 ol shororkeessummaadhaan himatamaniiru. Dhugaa Baatonni 210 ol taʼan magaalota 70 ol keessatti hidhamaniiru.

Obboloonnii fi obboleettonni keenya obsaan dandaʼuu isaanii akka itti fufan akka isaan gargaaru “Waaqa keenya Yihowaa ni waammanna.”—Faarfannaa 20:2, 7.