Dhimma ijoo ta'etti seeni

Mana Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa Istiraazbargi, Faransaayitti argamu

Waxabajjii 29, 2022
RAASHIYAA

Raashiyaan Mana Murtii Awurooppaa Keessaa Of Baaste

Raashiyaan Mana Murtii Awurooppaa Keessaa Of Baaste

Waxabajjii 11, 2022 Pireezidaanti Viladimiir Puutiin seerri lama akka hojii irra ooluuf mallatteessan. Mootummaan Raashiyaa murtoo kana kan godhe Mana Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa wajjin utuu walii hin galiini. Kanaan kan kaʼes, Raashiyaan Bitootessa 15, 2022 kaasee Mana Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa keessaa baateetti. Kanaaf, murtii Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa Bitootessa 15, 2022 kaasee dabarsee Raashiyaan akka hojii irra oolchitu seeraan hin dirqamtu. Kunis, murtii Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa Waxabajjii 7 dhorkaan Dhugaa Baatota Yihowaa irratti godhame seeraan ala akka taʼee fi Raashiyaan Dhugaa Baatota ariʼachuu ishii akka dhiistu, Dhugaa Baatota hidhamanii jiran hunda akka hiiktuu fi qabeenya humnaan fudhatte hunda akka deebistu ykn namoota ishii himataniif maallaqa yuuroo miliyoona 59 (doolaar Ameerikaa miliyoona 63) akka kaffaltu murteesse kan dabalatuu dha.

Kooreen Ministeeroota Mana Maree Awurooppaa murtii Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa dabarsee biyyoota miseensota taʼan keessatti hojii irraa ooluu isaa hordofa. Raashiyaan bara 1996 kaasee Miseensa Mana Maree Awurooppaa turte.

Bitootessa 15, 2022​tti, Raashiyaan miseensa Mana Marichaa keessaa baʼuu akka barbaaddu beeksisetti. Guyyaa itti aanuttis Koreen Mana Marichaa, karaa seera qabeessa taʼeen Raashiyaa Mana Maree keessaa ni baasan. Booda garuu, utuma baayʼee hin turin akka walii galtee yeroo miseensa Mana Maree Awurooppaa taatetti galtetti, murtii Mana Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaaf hanga Fulbaana 16, 2022​tti dabarseef ajajamuu akka qabdu itti himameera.

Raashiyaan Waxabajjii 7, 2022​tti seera haaraa lama baasuudhaan itti gaafatamummaa Mana Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaaf qabdu irraa adda of baasuuf yaalteetti. Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa obboloota keenya Raashiyaa jiraniif kan murteesses guyyuma kanatti ture.

Murtiin Mana Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa, Manneen Murtii miseensota Mana Maree Awurooppaa 46 keessatti dhimmoota Dhugaa Baatota Yihowaa ilaallatan irratti hojii irra ooluu dandaʼa. Hunda caalaa immoo, himata Raashiyaan Dhugaa Baatota Yihowaa irratti dhiheessite hunda irraa bilisa akka taʼan godha. Guutummaa addunyaa maraatti immoo murtoon kun waaʼee Yihowaa dhugaa baʼiinsa guddaa kenna, akkasumas maqaan isaa akka qulqullaaʼu taasisa. Kana hundumaaf galateeffamuu kan qabu Yihowaa dha!—Faarfannaa 83:18.