SADAASA 15, 2021
RAASHIYAA
Raashiyaatti Fakkeenyi Amantii Obboloota Duraanii Warra Yeroo Ammaatti Ariʼatamaa Jiran Jajjabeessaa Jira
Obboleessi Oleegi Daaniiloovii fi Vilaadimiir Irmolaaʼiv Dhugaa Baatota Yihowaa hedduu milkaaʼinaan ariʼatama dandamachaa jiran keessaa tokko dha. Obboloonni lamaan kun amantii fi ija jabina firoottan isaanii isaan dura turan argisiisan irraa jabina akka argatan ibsaniiru.
OLEEGI DAANIILOOV
Akkoo fi akaakayyuu Oleegi kan taʼan Fyoodorii Rigelii fi Yekaateerinaa Rigel Dhugaa Baatota Yihowaa kan taʼan bara 1958 dha. Yeroo mootummaan Dhugaa Baatota ariʼachaa turetti aangawoonni Raashiyaa mana isaanii sakattaʼaanii qabeenya isaanii fudhatan, akkasumas Fyoodorii qarshiidhaan adaban. Fyoodoriin utuu abdii hin kutatin maatiin isaa sochii hafuuraa akka godhu gargaaruu isaa itti fufe.
Ijoolleen Fyoodorii fi Yekaateerinaa, Alfireedii fi Eelaan (haadha Oleegi) ijoollummaatti qoosaa fi ariʼatamni isaan irra gaʼeera. Isaanis amantiitti cimanii dhaabataniiru. Alfireed yeroo booda loltuu akka taʼu yommuu gaafatamu tole jechuu dideera, kanaa mannaa waggaa sadii mana hidhaatti dabarseera.
Akkuma eessuma isaa Alfireed, Oleegi Daaniiloovis hidhaan waggaa sadii itti murtaaʼee hidhamee jira. Haadha manaa isaa Naataaliyaa fi ilmaan isaa lamaan Iilyaa fi Nikitaa irraa adda baʼee Bitootessa 2021 eegalee hidhamee jira. Maatiin Daaniiloov Yihowaan akkuma akaakayyuu fi akkoo akkasumas eessuma Oleegi gargaare, isaaniinis jabaatanii akka dhaabatan akka isaan gargaaruu amanannaa qabu.
Oleegi akkas jedheera: “Yeroo baayʼee firoottan koo fi obboloonni kan biroon Tokkummaa Sooviyeet keessa turan jabaatanii dhaabbachuu qofa utuu hin taʼin, gammachuu qabaachuu kan dandaʼan akkamitti jedheen yaada.” Itti fufees akkas jedheera: “Kun ragaa amansiisaa humni hafuura Yihowaa akka isaan gargaare argisiisuu dha. Anii fi maatiin koo jabaannee dhaabbachuu fi gammachuu qabaannee itti fufuu akka dandeenyu amanannaa qaba.”
VILAADIMIIR IRMOLAAʼIV JEER
Aanaa Eermoolaayivaa ishiin akkoo Vilaadimiir Jeer taate dhugaa kan baratte bara 1953 mandara Serebrovoo isa naannoo Irikuutiskitti argamutti dha. Namoota mandara sanaa keessaa yeroo jalqabaatiif Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼee kan cuuphame ishii ture. Haadha ishii dabalatee olloonni ishii cimsanii Aanaa mormaniiru; haati ishii lammata ishii hin haasofsiisne.
Aangawoonni lallabaa akka jirtu yommuu hubatanitti, ilma ishii Vilaadimiir Seer ni miiti jedhanii ishii himachuudhaan akka jalaa fudhatan ishii doorsisan.
Obboloonnii fi obboleettonni gumii ishii keessa jiran haadha fakkeenya gaarii taatu taʼuu ishii ilaalchisee, xalayaa barreessan. Obboleessi tokko xalayaa sana Mooskootti geessuudhaan Nikitaa Kihiruushicheev isa yeroo sanatti bulchaa turtetti kenne. Kan nama dinqisiisu, Kihiruushicheev dhimmichi akka qoratamu ajaje. Aanaan himata irraa bilisa kan taate yoo taʼu, aangawoonni ilma ishii jalaa hin fudhanne.
Aanaan intala Naadeezhidaa jedhamtu tokkoos qabdi. Intalli ishii kun bara 1970 gara ciniinnaa cimaadhaan qabamtee hospitaala seente. Doktaroonni dhukkuba ishii utuu sirriitti hin qoratin yaalii baqaqsanii hodhuu ishiidhaaf godhan. Yeroo ariitiidhaan yaalii baqaqsanii hodhuu gochaa turanitti doktaroonni sun dhiiga akka fudhattu dhiibbaa irratti gochaa turan. Taʼus ishiinis taate haati ishii ejjennoo isaanii laaffisuu didan. Doktaroonni sun fedha isaaniitiin ala gosa dhiigaa kan ishii wajjin wal hin simne Naadeezhidhaaf kennan. Kan nama gaddisiisu yeroo muraasa booda ni duute. Dogoggora kana dhoksuuf aangawoonni naannichaa gaazexaa beekamaa tokko irratti Aanaan “ilma ishii aarsaa goote” jedhanii sobaan ishii qeeqan.
Haalli nama gaddisiisu kun Vaalantiin isa abbaa manaa Aanaa taʼe irratti dhiibbaa geessiseera. Inni Aanaan barumsa Kitaaba Qulqulluu ijoollee ishii akka barsiistu ishiif ni heyyama ture; taʼus ofii isaatii hojii irra hin oolchu ture. Yeroo rakkisaa kanatti Dhugaa Baatonni kaan maatii isaa akkamitti akka gargaaran yommuu argu, Kitaaba qulqulluu qoʼachuu fi Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuuf murteesse.
Aanaa fi Vaalantiin ilmi isaanii Vilaadimiir Seer qajeelfama Kitaaba Qulqulluu akka hordofu barsiisuu isaanii itti fufan. Innis yeroo guddatu obboleettii amanamtuu Luuboov jedhamtu fuudhe. Vilaadimiirii fi Luuboov immoo ilmi isaanii Vilaadimiir Jeer wantoota hafuuraatiif dinqisiifannaa akka qabaatu barsiisaniiru.
Guraandhala 2020 poolisoonni mana Vilaadimiir Jeerii fi haadha manaa isaa Vaaleeriyaa sakattaʼan. Vilaadimiir Jeer toʼannaa jala galfamuudhaan gara jiʼa lamaatiif mana isaatti hidhame. Sochii jaarmiyaa dhorkamee qindeesseera jedhamee kan himatame yoo taʼu, murtii manni murtii isaaf kennu eegaa jira. Yakkamaa taʼee yoo argame hidhaan waggaa 15 itti murtaaʼuu dandaʼa. Vilaadimiir Jeer adaba isatti murtaaʼuu dandaʼu irratti xiyyeeffachuu mannaa fakkeenya amanamummaa warri isaa akkasumas akkoo fi akaakayyuun isaa isaaf kaaʼan irratti yaadaa jira.
Vilaadimiir Jeer akkas jedheera: “Maqaa Abbaa keenyaaf jedhanii rakkachuun mirga dha. Warri koo akkasumas akkoo fi akaakayyuun koo yeroo rakkisaa keessa jabaatanii dhaabachuudhaan amantii isaanii eeganiiru. Anis akkas gochuu nan dandaʼa.”
Akkuma Oleegii fi Vilaadimiir Jeer Dhugaa Baatonni Raashiyaa hedduun dhaala hafuuraa firoota isaanii Dhugaa Baatota amanamoo taʼan irraa argatan ni dinqisiifatu. Hundi keenya fakkeenya obboloota kanaan dura rakkina dandamatanii fi yeroo ammaa ariʼatama dandamachaa jiran irratti haa xiinxallu, akkasumas ‘amantii isaanii haa hordofnu.’—Ibroota 13:7.