Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaadhaa gara mirgaatti: Obboleessa Konstaantiin Baazheenoov, haadha manaa isaa, Sneezhaanaa fi obboleettii Veeraa Zoolootoovaa

FULBAANA 21, 2020
RAASHIYAA

Raashiyaatti, Obboleessi Konstaantiin Baazheenoov, Haati Manaa Isaa fi Obboleettiin Umuriin Ishii 73 Taʼe Yakki Isaanitti Murteeffamuu Dandaʼa

Raashiyaatti, Obboleessi Konstaantiin Baazheenoov, Haati Manaa Isaa fi Obboleettiin Umuriin Ishii 73 Taʼe Yakki Isaanitti Murteeffamuu Dandaʼa

Guyyaa Murtii

Fulbaana 25, 2020, a Manni Murtii Koonyaa Naannoo Kaamchaatkaatti argamu dhimma obboleessa Konstaantiin Baazheenoov, haadha manaa isaa, Sneezhaanaa fi obboleettii Veeraa Zoolootoovaa irratti murtii kennuuf karoorfateera. Abbaan alangaa obboleessi Konstaantiinii fi haati manaa isaa ruubilee 600,000 ($7,850 U.S.) obboleettiin Zoolootoovaan immoo ruubilee 400,000 ($5,235 U.S.) akka adabaman gaafatee ture.

Ibsa Gabaabaa

Konstaantiin Baazheenoov

  • Bara Dhalootaa: 1977 (Peetropavloovski-Kaamchaatiski, Naannoo Kaamchaatkaa)

  • Seenaa Jireenyaa: Obbolaa arfan keessaa inni isa hangafaati. Makaanikii taʼee hojjeteera, akkasumas mana barumsaa teeknikaatti barsiiseera. Qurxummi qabuu jaallata

  • Bara 2001⁠tti, Sneezhaanaa kan fuudhe siʼa taʼu, ishiinis barsiistuu turte. Intala Eliizaabeet jedhamtu qabu. Maatiin kun Yihowaa tajaajilaa jira

Sneezhaanaa Baazheenoov

  • Bara Dhalootaa: 1977 (Odoola Shikotaan, Saakihaaliin Obilaast)

  • Seenaa Jireenyaa: Maatii warra qeenxee qofa qabu keessatti guddatte. Ijoollee jaallatti akkasumas, mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa barsiisti. Yeroo ammaatti, yakkaan waan himatamteef, ijoollee barsiisuun ishiidhaaf hin heyyamamu

  • Waaʼee Waaqayyoo fi kadhannaa akkamitti akka dhiheessitu akkoo ishii irraa baratte. Kunis fedhii hafuuraa akka qabaattuu fi Kitaaba Qulqulluu akka jaallattu ishii gargaareera

Veeraa Zoolootoovaa

  • Bara Dhalootaa: 1946 (Yeelizoovoo, Naannoo Kaamchaatkaa)

  • Seenaa Jireenyaa: Maatii balʼaa keessatti guddatte. Bara 1966⁠tti, Yurii Zoolootoovitti heerumte. Ijoollee lama godhataniiru. Isheen hojii akkawuntaantii hojjechaa kan turte siʼa taʼu, amma soorama baatetti. Karaa dheeraa deemuunii fi cabbii irra sigigaachuun ishii gammachiisa

  • Waggoottan hedduudhaaf dhugaa barbaadaa turteetti. Amantiiwwan hedduu qorteetti. Dhuma irrattis, Waaqayyoo haqa qabeessaa fi namoota kan jaallattuu taʼuu isaa beekuu ishiitti gammaddeetti. Abbaan manaa ishii Dhugaa Baatuu miti. Taʼus, jijjiiramni gaarii Kitaabni Qulqulluun jireenya ishii irratti godhe isa dinqisiisa

Himata

Hagayya 19, 2018 magaalaa Yeelizoovootti poolisoonni mana Dhugaa Baatota sadii sakattaʼaanii turan. Kanaan kan kaʼes, obboloonnii fi obboleettonni 11 qabamaniiru. Achiis, saʼaatii dheeraaf qorataman. Boodas, Dhugaa Baatonni saddeet ni gadhiifaman. Taʼus, abbootiin taayitaa obboleessa Baazheenoov, haadha manaa isaa fi obboleettii Zoolootoovaa irratti himata yakkaa dhiheessan. Achiis, mana hidhaa yeroo muraasaaf itti hidhaman keessatti akka hidhaman godhamaniiru. Guyyaa lama booda, obboleettonni lamaan ni gadhiifaman. Taʼus, Abbaan murtii obboleessi Baazheenoov achuma akka turu ajaje. Innis guyyaa saddeet booda gadhiifameera.

Obboleessi Baazheenoov, haati manaa isaa fi obboleettii Zoolootoovaan murtii isaanii eeggachaa yeroo jiran kanatti guutummaatti Yihowaatti amanamuu isaanii akka itti fufan ni kadhanna. Kitaabni Qulqulluun Yihowaan warra isaaf amanamoo taʼan gammachuu fi nagaadhaan akka guutuu fi “humna hafuura qulqulluutiin abdiin akka isaaniif baayʼatu” nuuf mirkaneessa.—Roomaa 15:13.

a Guyyaan isaa jijjiiramuu dandaʼa