Dhimma ijoo ta'etti seeni

Toora jalqabaa irra, bitaa gara mirgaatti, Obboleessa Andree Taabaakoov, Obboleessa Miikhaayil Zeeleensikii, Obboleessa Sergee Miyisiinii fi haadha manaa isaa, Toora lammaffaa irra, bitaa gara mirgaatti Obboleessa Kihooreen Kihaachiikiyaan, Obboleessa Aleksaandar Gaaniin

ONKOLOOLESSA 2, 2020
RAASHIYAA

Raashiyaatti Obboloonni Afurii fi Hiriyoonni Gaaʼelaa Tokko Waggaa Torbaaf Mana Hidhaa Galuu Dandaʼu

Raashiyaatti Obboloonni Afurii fi Hiriyoonni Gaaʼelaa Tokko Waggaa Torbaaf Mana Hidhaa Galuu Dandaʼu

Guyyaa Murtii

Onkoloolessa 5, 2020, a Manni Murtii Magaalaa Uliyaanooviskii inni Koonyaa Zaasviiyaazhiskiitti argamu, dhimma Obboleessa Aleksaandar Gaaniin, Kihooreen Kihaachiikiyaan, Andree Taabaakoovii fi Miikhaayil Zeeleensikii dabalatee Obboleessa Sergee Miyisiinii fi haadha manaa isaa Naataaliyaa irratti murtii kennuuf karoorfateera. Hundi isaanii iyyuu, waggaa sadii hanga waggaa torbaa hidhamuu dandaʼu. Kana malees, abbaan alangaa qarshiinii fi konkolaataan isaanii gara ruublee miliyoona 1.57 ($20,000 U.S.) taʼu akka jalaa fudhatamu mana murtii gaafateera.

Ibsa Gabaabaa

Aleksaandar Gaaniin

  • Bara Dhalootaa: 1957 (Eekhaabii, Odoola Saakhaaliin)

  • Seenaa Jireenyaa: Cuuphamee Dhugaa Baatuu Yihowaa erga taʼee waggaa 20 ol taʼeera. Amma soorama kan baʼe siʼa taʼu, biqiltuu kunuunsuu jaallata.

Kihooreen Kihaachiikiyaan

  • Bara Dhalootaa: 1985 (Yereevaan, Armeeniyaa)

  • Seenaa Jireenyaa: Eekoonoomiksiitiin digiriidhaan eebbifameera. Dargaggummaatti dorgommii waldhaansoo irratti hirmaata ture. Nama garraamii fi gaarummaa qabu taʼuudhaan beekama.

  • Waaqayyoon caalaatti beekuu fi ajaja isaatiin jiraachuu waan barbaadeef, Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qoʼachuu jalqabe. Kitaabni Qulqulluun ragaa amansiisaa kan qabuu fi kan wal simu taʼuun isaa isa dinqisiisa.

Sergee Miyisiin

  • Bara Dhalootaa: 1965 (Kuuleebaakii, Naannoo Niizihinii Noovgoorood)

  • Seenaa Jireenyaa: Haadha manaa isaa Naataaliyaa wajjin kan wal bare yeroo eenjinarii taʼuuf qoʼachaa turetti dha. Bara 1991⁠tti wal fuudhan. Waliin taʼanii waggaa 20 oliif Yihowaa kan tajaajilan siʼa taʼu, ijoollee gugguddoo lama qabu. Ispoortii hojjechuu keessumaa immoo tapha kubbaa laakroos jedhamu taphachuu jaallata.

Naataaliyaa Miyisiin

  • Bara Dhalootaa: 1971 (Leeniingireed, amma Seeyinti Piitarsibargi jedhama)

  • Seenaa Jireenyaa: Maatii miseensa loltootaa taʼe keessatti guddatte. Kolleejjiidhaa barumsa faarmaasistiin eebbifamuu ishii dura Jarman jiraatteetti. Ittoo qopheessuu fi nyaata bilcheessuu jaallatti.

Andree Taabaakoovii

  • Bara Dhalootaa: 1973 (Miinski, Belaarus)

  • Seenaa Jireenyaa: Hojii infoormeeshin teknooloojii hojjeta. Haadha manaa isaa Maariinaa bara 2006⁠tti fuudhe. Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼatanii cuuphaman. Meeshaa elektirooniksii keessumaa raadiyoo fi kompiitara hojjechuu jaallatta.

Miikhaayil Zeeleensikii

  • Bara Dhalootaa: 1960 (Buulaastii, Mooldoovaa)

  • Seenaa Jireenyaa: Doonii fi konkolaataa guddaa oofa ture. Haadha manaa isaa Viiktooriyaa bara 1989⁠tti fuudhe. Jalqaba bara 1990maniitti Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqaban. Jaalalli isaan Yihowaadhaaf qaban kan guddate siʼa taʼu, achiis ni cuuphaman

Himata

Poolisoonni Nageenya Fedaraalaa Raashiyaa (FSB) gara waggaa sadii dura, maree obboloonnii fi obboleettonni keenya Uliyaanoovsii jiran bilbilaan godhan waraabuu dabalatee, hordoffii isaan irratti gochuu eegalan. Guraandhala 24, 2019, FSBiin Obboleessa Sergee fi haadha manaa isaa akkasumas Obboleessa Kihaachiikiyaan, Taabaakoovii fi Zeeleensikii irratti himata yakkaa bane.

Guyyaa sadii booda halkan keessaa saʼaatii 11⁠tti poolisoonni mana Obboleessa Kihaachiikiyaan, Taabaakoovii fi Zeeleensikii weeraran. Obboloonni sadanuu qabamanii yeroo muraasaaf hidhaman. Ganamuma sana Obboleettii Naataaliyaadhaaf bilbilli ni bilbilame. Namichi bilbile sun konkolaataa ishii irra miidhaan akka gaʼee fi abbaa manaa ishii Miyisiin wajjin akka ala baʼan ishii gaafate. Akkuma obboleessi Miyisiin balbala baneen poolisoonni FSB appaartaamaa isaanitti seenan. Poolisoonni sun appaartaamaa isaanii sakattaʼanii meeshaawwan elektirooniksii maatichaa fudhatan. Achiis hiriyoonni gaaʼelaa kun ni qabaman.

Guyyaa itti aanu Manni Murtii Koonyaa Leeniinskii inni Naannoo Uliyaanooviskkitti argamu Obboleessa Miyisiin mana hidhaa bakka hanga murtii itti tursiisan galchan. Obboleettii Naataaliyaa fi obboloonni sadii immoo mana isaanii keessatti hidhaman.

Obboleessi Miyisiin walumaa galatti mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisan keessa guyyaa 55 mana isaa keessatti immoo 123 hidhameera. Obboleettii Naataaliyaa, Obboleessa Kihaachiikiyaan, Taabaakoovii fi Zeeleensikii immoo guyyaa 50 hamma 55 mana keessatti hidhamaniiru.

Caamsaa 15, 2019 ganama poolisoonni FSB mana Obboleessa Gaaniin erga sakattaʼanii booda isa qaban. Achiis mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisan keessa guyyaa lama dabarse.

Amma babalʼistoonni jaʼanuu dhorkaa jala jiru. Taʼus hoggantoonni mala kan biraadhaan dhiibbaa isaan irratti gochuu itti fufaniiru. Hoggantoonni naannichaa Obboleessi Miyisiinii fi haati manaa isaa qarshii baankiidhaa qabanii fi gara ruublee 500,000 ($6,313 U.S.) akkasumas Obboleessi Taabaakoov ruublee 600,000 ($7,575 U.S.) akka hin fayyadamne dhorkaniiru.

Obboloonnii fi obboleettonni keenya Raashiyaa jiran amantii isaaniitiif yommuu ariʼatamanitti jechoonni faarfatichaa akka isaan jajjabeessan ni kadhanna: “Waaqayyo iddoo kooluu itti galluu fi jabina keenya, Yeroo dhiphinaattis salphaatti isa biraa gargaarsa arganna.”—Faarfannaa 46:1.

[Miiljalee]

a Guyyaan isaa jijjiiramuu dandaʼa