Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Poolyaakoovii fi haadha manaa isaa (bitaa) Obboleettii Beekteemiroovaa (gubbaa mirga) akkasumas Diyuuseekeeyeevaa (gajjallaa mirga)

FULBAANA 25, 2020
RAASHIYAA

Raashiyaatti Yeroo Jalqabaatiif Hiriyoonni Gaaʼela Mana Hidhaa Hanga Murtiitti Itti Tursiisan Galan Obboleettota Lamaa Wajjin Yakki Itti Murtaaʼuu Dandaʼa

Raashiyaatti Yeroo Jalqabaatiif Hiriyoonni Gaaʼela Mana Hidhaa Hanga Murtiitti Itti Tursiisan Galan Obboleettota Lamaa Wajjin Yakki Itti Murtaaʼuu Dandaʼa

Guyyaa Murtii

Onkoloolessa 21, 2020, a Manni Murtii Koonyaa Peervoomaayiskii inni Magaalaa Oomsikii jiru dhimma Obboleessa Sergee Poolyaakoovii fi haadha manaa isaa Aanaastaasiyaa akkasumas Obboleettii Guukhaar Beekteemiroovaa fi Diinaaraa Diyuuseekeeyeevaa irratti murtii kennuuf karoorfateera. Manni murtii hidhaa waggaa jaʼaa fi walakkaa Obboleessa Poolyaakoovitti akka murteessu abbaan alangaa gaafateera. Obboleettonni sadan tokkoon tokkoon isaanii waggaa lamaaf dhorkaa tokko tokko jala akka turan itti murtaaʼuu dandaʼa.

Ibsa gabaabaa

Sergee Poolyaakoov

  • Bara Dhalootaa: 1972 (Naannoo Muurmaansik)

  • Seenaa Jireenyaa: Kolleejjii galee raadiyoofiiziksii barateera. Bara 2003 Aanaastaasiyaa fuudhe.

Aanaastaasiyaa Poolyaakoov

  • Bara Dhalootaa: 1984 (Naannoo Muurmaansik)

  • Seenaa Jireenyaa: Kolleejjiitti seera baratteetti. Ishii fi Sergeen afaan Chaayinaa, Kaazaak, afaan mallattoo Raashiyaa fi Serbiyaa dabalatee afaan barachuu jaallatu

Guukhaar Beekteemiroovaa

  • Bara Dhalootaa: 1976 (Uuriil, Kaazaakistaan)

  • Seenaa Jireenyaa: Ijoollee jaʼa keessaa quxusuu dha. Ishiin Kaazaakistaan naannoo gaarri baayʼatutti kan guddatte yoo taʼu uumama jaallatti. Waggoota dheeraaf hiika jireenyaa baruuf barbaadaa turteetti. Dhuma irratti Kitaaba Qulqulluu keessaa deebii nama amansiisuu fi nama jajjabeessu argatte. Dubbii Waaqayyoo gad fageenyaan qoʼachuun ishii jalʼina haqaatiin yommuu hidhamtutti jabinaa fi jajjabina ishiif argamsiiseera

Diinaaraa Diyuuseekeeyeevaa

  • Bara Dhalootaa: 1982 (Leeniingireediskooy, Kaazaakistaan)

  • Seenaa Jireenyaa: Yeroo ijoollee turtetti waaʼee hiika jireenyaa baayʼee yaaddi turte. Umurii ishii waggaa 17⁠tti Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu eegalte. Ogummaa Kitaaba Qulqulluu baayʼee dinqisiifatte, akkasumas maqaan abbaa barroo kitaaba kanaa Yihowaa akka taʼe beekuun ishii gammachiise. Kubbaa saaphanaa fi kubbaa harkaa taphachuu, akkasumas fiigichaa fi biskileetii oofuu jaallatti

Himata

Adoolessa 4, 2018 galgala Obboleessi Poolyaakoovii fi haati manaa isaa Aanaastaasiyaan utuu rafaa jiranii gareen poolisootaa tokko balbala appaartaamaa isaanii cabsee seene. Poolisoonni fuula haguuggatan Obboleessa Poolyaakoov garmalee reeban. Poolisoonni hiriyoota gaaʼelaa kana qabanii mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisan galchan. Manni murtii ol aanaa hojiin Dhugaa Baatota Yihowaa seeraa ala akka taʼe bara 2017⁠tti erga murteesse booda, isaan kun hiriyoota gaaʼelaa yeroo jalqabaaf hidhamani dha. Hiriyoonni gaaʼelaa kun wal irraa gargar baʼanii jiʼa shaniif kophaatti hidhamaniiru. Sana booda immoo jiʼa sadiif waliin mana isaanitti hidhamaniiru.

Caamsaa 2019, Naannoo Oomskitti qondaaltonni manneen Dhugaa Baatota Yihowaa weeraruu akka haaraatti eegalan. Kanaan kan kaʼes, Obboleettii Beekteemiroovaa fi Diyuuseekeeyeevaan ni hidhaman. Dhimmi isaanii dhimma Poolyaakoovii fi haadha manaa isaa wajjin akka ilaalamu taasifame. Himanni arfan isaanii iyyuu ilaalamuu kan eegale Ebla 1, 2020 ture.

Yihowaan tajaajiltoonni isaa jalʼina haqaa kana akka dandamatan jabina barbaachisu akka isaaniif kennu amanannaa qabna.—Efesoon 3:20.

a Guyyaan isaa jijjiiramuu dandaʼa