WAXABAJJII 20, 2024
RAASHIYAA
Riinaat Kiraamoov Mana Hidhaa Raashiyaatti Guyyaa Afuriif Reebame
Obboleessi Riinaat Kiraamoov Ebla 2023 hidhaan waggaa torbaa itti murteeffamee mana hidhaa galeera. Erga hidhamee waggaa tokko booda Ebla 18, 2024, abbootiin taayitaa mana hidhaa adabaa irra akkuma tasaa gara mana hidhaa kunuunsi fayyaa godhamuu fi dhihoo jirutti isa jijjiiran. Abbootiin taayitaa kun Riinaat dhukkuba sombaa akka qabu shakkuu isaanii dubbataniiru. Achi gaʼee guyyaa lama booda gareen hidhamtootaa gaaffiidhaan isa sarduu jalqaban. Hidhamtoonni kun, Dhugaa Baatota Yihowaa magaalaa Akituubiniisk jiraatan ilaalchisee odeeffannoo akka isaanitti himu isa dirqisiisan. Riinaat isaanitti himuu yommuu didetti isa reebuu jalqaban. Walitti aansuudhaan guyyaa afuriif miidhaa qaamaa garagaraa isarra geessisaniiru; isa reebuuf meeshaa elektiriikiidhaan hojjetuttis fayyadamaniiru. Kana malees, hidhamtoonni Riinaat akka hin ciisne, akka hin teenye ykn qaama isaa akka hin dhiqanne, halkanii fi guyyaa akka dhaabatu godhaniiru. Guyyaatti siʼa tokko caalaa akka nyaatus hin heyyamamuuf.
Guyyaa baayʼeedhaaf erga reebamee booda haati manaa isaa Galiinaan isa gaafachuu dhaqxe. Fuula isaa baayʼee madaaʼe yommuu argitu garmalee naate; tarkaanfachuu hin dandaʼu, harkisaas ni romʼa ture. Riinaan wanta isarratti raawwatame Galiinaatti kan hime yommuu taʼu ishiinis dhimmicha abbaa alangaa Riinaatiitti himte; abbaan alangaas madaa kanaaf yaaliin fayyaa akka godhamuuf achiis wanti isarratti raawwatame akka qoratamu gaafate.
Dhimmichi waajjira abbaa alangaa erga gaʼee booda Riinaatiin kan haasofsiisan yeroo taʼu yaaliin fayyaas isaaf godhameera. Obboleessi Riinaat reebicha isarratti raawwatameen akka miidhame Doktarri qorannaadhaan erga argee booda dhimmichi Ministeera Dhimma Biyya Keessaatti dabarfame. Riinaat dhukkuba sombaa akka hin qabnes kan bira gaʼame yommuu taʼu, Caamsaa 17, 2024 bakka yaaliin fayyaa itti kennamurraa gara mana hidhaatti isa deebisan.
Riinaat dandamachuuf wanta isa gargaare akkas jechuudhaan Galiinaatti himeera; “Kadhannaa dhiheessuu fi caqasoota Kitaaba Qulqulluu yaadachuuf yaaluu irra darbee wanta biraa tokko illee gochuu hin dandaʼun ture. Kana gochuu garu namni tokkollee na dhowwuu hin dandaʼu. Kun na mudachuu isaa dura yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa waanan tureef caqasoota hedduu yaadachuu dandaʼuu kootti baayʼeen gammada.” Riinaat itti dabaluudhaan akkas jedheera: “Namoonni wanta itti amanan tokkoof gidiraan isaanirra gaʼee fi gargaarsa hafuura Yihowaa male dandamachuu dandaʼan jiru. Ani garuu, humna Yihowaa isa daangaa hin qabnee fi na cimsu argadheera. Achiis akkanan ofiin jedhe: ‘Jireenya koo keessatti isa yeroo kamiiyyuu caalaa, Yihowaa akkan jaalladhu mirkaneessuu nan dandaʼa. Isaaf amanamaa taʼeen jiraadha.’”
Roorroon Riinaat irra gaʼe baayʼee kan nu rifaasise taʼus, Yihowaan yeroo hunda ‘humna humna caaluu’ fi qorumsa dandamachuuf gargaaru kan nuuf kennu taʼuu isaa beekuun kan nama jajjabeessudha.—2 Qorontos 4:7.