Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Iliyaa Oleenii fi haadha manaa isaa Naataaliyaa

HAGAYYA 2, 2022
RAASHIYAA

“Seenaa Jaarmiyichaa Keessatti Qooda Qabaachuu” Isaatti ni Boona

“Seenaa Jaarmiyichaa Keessatti Qooda Qabaachuu” Isaatti ni Boona

Adoolessa 26, 2022​tti, Manni Murtii Magaalaa Isniizyiniskii Naannoo Chiliyaabiniskii, obbleessi keenya Iliyaa Oleeniin yakkamaa dha jedhee itti murteesse. Abbaan alangaa waggaan jaʼaa fi walakkaan akka itti murtaaʼu gaafateera. Manni murtichaa garuu, bakka hidhaa kanaa ruubilsii 500,000 (doolaara ameerikaa 8,150) akka adabamu itti murteesse.

Chaartii Yeroo

  1. Ebla 17, 2017

    Obboloonni keenya Ayyaana Yaadannoo utuu kabajaa jiranii Poolisoonni Tajaajila Nageenyaa Federaalaa addaan isaan kutan. Obboleessa keenya Iliyaa “hojii misiyoonii hojjechaa ture” jedhanii kan himatan taʼus himanni isaa ni haqame

  2. Sadaasa 30, 2020

    Manni isaa ni sakattaʼame

  3. Fulbaana 8, 2021

    Himanni yakkaa isa irratti baname

  4. Onkoloolessa 27, 2021

    Manni isaa yeroo lammaffaadhaaf sakattaʼame. Qorannoo erga isa irratti godhanii booda mana isaa irraa fagaatee akka hin deemne itti murteessan

  5. Caamsaa 23, 2022

    Himanni yakkaa isa irratti baname ilaalamu eegale

Ibsa Gabaabaa

Obboleessa keenya Iliyaa fi obbolootaa fi obboleettota keenya haala maqaa keenyaa wajjin wal simuun jiraachaa fi waaqa keenya Yihowaadhaaf dhugaa baʼaa jiranitti baayʼee boonna.—Isaayyaas 43:10.