Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAAMSAA 18, 2020
RAASHIYAA

Seera Baastonni Yunaayitid Isteetis, Ibsa Ejjennoo Raashiyaan Obboleessa Deenis Kiristeensan Akka Gadhiistu Gaafatu Dhiheessan

Seera Baastonni Yunaayitid Isteetis, Ibsa Ejjennoo Raashiyaan Obboleessa Deenis Kiristeensan Akka Gadhiistu Gaafatu Dhiheessan

Miseensonni Bakka Buʼoota Uummataa Yunaayitid Isteetis, seera baastota mootummaa taʼan lama, ibsa ejjennoo Mana Maree 958 baasuuf yaada kan dhiheessan yoo taʼu, ibsi kun Raashiyaan obboleessa Deenis Kiristeensan seeraa ala hidhuu ishii balaaleffachuu dabalata. Abbootiin taayitaa ariʼatama Raashiyaan sababii amantii isaaniitiin obbolootaa fi obboleettota keenya irra geessistu ilaalchisee ibsa yeroo baasan kun isa dhihoo dha.

Obboleessi Kiristeensan Caamsaa 2017 qabamee kan hidhame walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa irratti waan hirmaateef qofa ture. Ibsi ejjennoo Bakka Buʼoota Uummataa Eliyoot Eenjalii fi Mikaaʼel Miikoowuliin Caamsaa 8, 2020 qophaaʼe kun, mootummaan Raashiyaa obboleessa Kiristeensaniin hatattamaan akka gadhiistu kan gaafatu ture.

Ibsi ejjennoo kun akka jedhetti “Deenis Kiristeensan Dhugaa Baatuu Yihowaa fi lammii Daanish siʼa taʼu, Guraandhala 6, 2019 hidhaan waggaa jaʼaa itti murtaaʼee ture; Komishiiniin Yunaayitid Isteetis Bilisummaa Amantii Addunyaa, murtiin kun mootummaan Raashiyaa jalʼina bilisummaa amantii irratti raawwatamu callistee akka ilaaltu gochawwan argisiisan keessaa tokko akka taʼe ibsuudhaan balaaleffatee ture.”

Caamsaa 25, 2020 obboleessi Kiristeensan erga hidhamee waggaa sadii taʼa. Inni obbolootaa fi obboleettota keenya Raashiyaatti hidhaman 32 keessaa tokko siʼa taʼu, isaan keessaa 9 yakkamtoota akka taʼan itti murteeffameera, 23 immoo hidhamanii murtii eeggachaa jiru. Obboloonni dabalataa 18 immoo manaa akka hin baane dhorkamaniiru. Bara 2017 kaasee Raashiyaan gara mana obboloota 900 humnaan sakattaʼaniiru. Kanaan kan kaʼes, Dhugaa Baatonni 331 yakkaan himatamaniiru.

Abbootiin Taayitaa Yunaayitid Isteetisii fi Awurooppaa Ariʼatama amantii Raashiyaan Dhugaa Baatota Yihowaa irra geessistu cimsanii balaaleffataniiru.

Ibsi ejjennoo Bakka Buutota Uummataa 958 kun fudhatama argatee, jijjiirama fidus fiduu baatus, Yihowaan obboloonnii fi obboleettonni keenya Raashiyaa jiran, gammachuudhaan jabaatanii akka dhaabatan isaan gargaaruu isaa akka itti fufu beekna. ‘Seera jal’isanii wanta hamaa nama irratti qopheessuu’ hundumaa yeroo Yihowaan, itti balleessu hawwiidhaan eegganna.—Faarfannaa 94:20-23.