Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ebla 20, 2017: Abbaan Murtii Mana Murtii Ol Aanaa Raashiyaa Ayivenenkoo dhaabbanni Dhugaa Baatota Yihowaa Raashiyaa fi Kireemiyaa jiru akka cufamu murteesse

EBLA 19, 2022
RAASHIYAA

Utuma Dhorkaan Waggaa Shanii Jiruu Ija Jabinaa fi Injifannoo Raashiyaatti argame

Utuma Dhorkaan Waggaa Shanii Jiruu Ija Jabinaa fi Injifannoo Raashiyaatti argame

Obboleessa Deenis Kiristeensan bara 2019​tti kutaa mana murtii keessa jiru keessa dhaabbatee murtoo darbu dhaggeeffachaa jira

Raashiyaan sababa malee hojii Dhugaa Baatota Yihowaa erga dhorkite Ebla 20, 2022 waggaa shan taʼa. a Erga dhorkaan kun godhamee kaasee angawoonni Raashiyaa ariʼatama geessisan waggaa waggaadhaan cimsanii itti fufaniiru; darbee darbee immoo obbolootaa fi obboleettota ni dararu. Taʼus, gabaasni jw.org irratti baʼu akkuma argisiisu obboloonnii fi obboleettonni keenya jaallatamoon ija jabinaan dandamataa jiru.

Obboleessi Deenis Kiristeensan inni gara waggaa shaniif hidhamee jiru fakkeenya gaarii taʼeera. Caamsaa 2019 akkuma ol iyyannoon isaa fudhatama dhabeen, tasgabbii fi ofitti amanannaadhaan obboloota mana murtiitti isa deggaruu dhufaniin akkas jedhee ture: “Hamma naa dandaʼame Yihowaa tajaajiluu yaaleera. Bara baraafis tajaajiluu koo ittan fufa.”

Obboleessa Iigoor Turiik

Obboleessi Iigoor Turiikis ejjennoo akkasii qaba. Obboleessa Nikoolaay Kaaliibaabaa isa bulchiinsa Sooviyeet duraanii keessatti ariʼatamni irra gaʼee wajjin akka wal arge ni yaadata. Nikoolaay qorumsi sabni Yihowaa inni akkamitti akka isaan gargaaru akka hubatan akka gargaaru Iigooriin barsiiseera. Iigoor akkas jedheera: “Amantiif jedhee rakkachuun mirga akka taʼe naa galee ture.” Iigoor hidhaan daangaa waggaa torbaa kan isa irra jiru taʼus jabaatee itti fufeera.

Obboleessi Yevgeenii Feediin amanannaa qabu akka itti aanutti ibseera: “Amma yeroon haqa qabaachuu kootiif qabsaaʼu miti. Dhugaa baʼuu qabna; Yihowaan haqa ni fida. Nuti eebba argachuuf qabsaaʼaa jirra . . . Buʼaan isaa maal iyyuu yoo taʼe yaanni akkasii qorumsaaf ilaalcha sirrii qabaachuuf na gargaareera. Qorumsi hundi Yihowaaf ulfina fiduu fi dhugaa baʼuuf carraa nuu banu.”

Obboleettii Taatiyaanaa Zuuk

Obboleettii Taatiyaanaa Zuukis akkas jetteetti: “Wanta kanaan dura moone yommuu yaannu qorumsa dandaʼuu keenya itti fufuuf nu kakaasa. Kun Yihowaan akka nu wajjin jiru mirkaneessa. Gargaarsa Abbaa keenya isa samii malee haala keenya ammaa keessatti gammachuu keenya eegnee itti fufuu hin dandeenyu.”

Yevgeenii inni olitti ibsame akkas jedheera: “Injifanneera! Buufata poolisii galfamnee injifannee baaneera. Mana murtiitti dhihaannee injifannee deebineera. Mana hidhaa galfamnee ijifannee baaneerra.”

Bara 2017 dhorkaan godhamuu isaa yeroo muraasa dura, waaʼee seenaa fi Dhugaa Baatota Yihowaa Tokkummaa Sooviyeet sirriitti kan beekan doktar Eemilii Baaraan, “Seenaan wanta fuulduratti taʼu ni argisiisa utuu taʼee, Raashiyaan Dhugaa Baatota Yihowaa balleessuu akka hin dandeenye ni beekti turte” jedhanii barreessaniiru.

Raajiin Isaayyaas 54:17 irratti, “Meeshaan waraanaa si balleessuuf tolfamu kam iyyuu milkaaʼina hin argatu” jedhu obbolootaa fi obboleettota keenya Raashiyaa fi Kireemiyaa jiran irratti akka raawwatame ifa dha.

a Yeroo Manni Murtii dhimmicha ilaalaa turetti, mootummaan Raashiyaa jaarmiyaalee Dhugaa Baatota Yihowaa beekamtii seeraa qaban kan diige taʼus, Dhugaa Baatota dhuunfaatti waan amantiin isaanii ajaju raawwachuuf bilisummaa akka qaban ibsee ture. Haa taʼu malee, mootummaan wanta dubbate kana hin raawwanne.