Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Jiivoorg Jiivoorgiyaan

FULBAANA 21, 2022
RAASHIYAA

“Wal Faana Taanee Wantoota Kana Hundumaa ni Dandamanna”

“Wal Faana Taanee Wantoota Kana Hundumaa ni Dandamanna”

Manni Murtii Goodinaa Avtoozoovoskii Niizyinii Noovgorooditti argamu dhiheenyatti dhimma obboleessa keenya Jiivoorg Jiivoorgiyaan irratti murtii ni dabarsa. Wanta akka irratti murtaaʼu barbaadu ilaalchisee abbaan alangaa hanga ammaatti homaa hin dubbanne.

Chaartii Yeroo

  1. Adoolessa 17, 2019

    Poolisoonni manasaa sakattaʼan. Meeshaaleen elektiroonikii fi dookmantoonnisaa jalaa fudhataman

  2. Adoolessa 18, 2019

    Bakka hojiisaatti dhaqanii isa qabanii qorannaadhaaf waajjira poolisiitti isa geessan. Saʼaatii kudhaniif achi isa tursan

  3. Hagayya 26, 2021

    Mana isaarraa fagaatee akka hin deemne isa dhorkan

  4. Sadaasa 24, 2021

    Walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa geggeessiteetta jedhamee himatame

  5. Amajjii 26, 2022

    Dhimmi isaa gara abbaa alangaatti deebifame

Ibsa Gabaabaa

Fakkeenya Jiivoorg irraa akka hubannutti, ‘addunyaa maratti guutummaan waldaa obboloota keenyaa rakkina akkasii keessa akka jiran beekuun’ keenya Seexana mormuu fi ‘amantiitti cimuuf’ nu gargaara.—1 Pheexiros 5:9.