MUDDEE 2, 2022
RAASHIYAA
“Wanta Gatii Guddaa Qabun Hojjechaa Jira”
Tamboovitti Manni Murtii Aanaa Leeniiniskii murtoo Obboleessa Oleeg Sirootikiin irratti dabarsu dhiheenyatti kan beeksisu taʼa. Abbaan alangaa murtoo akkamii akka irratti fudhatu ammayyuu hin murteessine.
Ibsa Gabaabaa
Oleeg, Yihowaa irratti amantii cimaa qabaachuun barbaachisaa taʼuu isaatiif fakkeenya guddaa taʼa. Namni tokko amantii cimaa yoo qabaate “oduu hamaa hin sodaatu. Yihowaatti waan amanamuuf, garaan isaa cimaa dha.”—Faarfannaa 112:7.
Chaartii Yeroo
Bitootessa 2021
Kaameeraan dhoksaadhaan waraabu ni kaaʼame. Meeshaa sagalee waraabu goorduuba mana Oleeg dhokfamee fi sochii isaan godhan mulʼisu iskiriinii kompiitaraa irraa fudhatame
Fulbaana 14, 2021
Himanni yakkaa ni baname
Fulbaana 21, 2021
Manni ni sakattaʼame. Kompiitaraa fi waraabbiin dhuunfaa kaan ragaadhaaf fudhataman
Onkoloolessa 22, 2021
Konkolaataan ni fudhatame
Ebla 11, 2022
Himanni yakkaa ilaalamuu jalqabe