Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Aleeksi Paasinkoov

CAAMSAA 23, 2024
RAASHIYAA

“Yihowaan Naa Wajjin Taʼa”

“Yihowaan Naa Wajjin Taʼa”

Manni Murtii Koonyaa Uruupiskii Kaarachaayevoo-Chiirikeesiyaa dhiheenyatti dhimma obboleessa keenya Aleeksi Paasinkoov irratti murtii dabarsa jedhamee eegama. Abbaan alangaa wanta akka isa irratti murteeffamu barbaadu ifa hin goone.

Ibsa Gabaabaa

Rakkoowwan garagaraa nu irra gaʼaa kan jiran taʼus, yeroo hundumaa Yihowaatti kooluu galuu fi isatti gammaduu akka dandeenyu beekuu keenyatti guddaa galateeffanna.—Faarfannaa 5:11.

Chaartii Yeroo

  1. Sadaasa 23, 2021

    Abbootiin taayitaa bakka hojii isaatti isa qaban; achiis manni isaa ni sakattaʼame

  2. Muddee 8, 2022

    Himanni yakkaa isa irratti baname.

  3. Bitootessa 3, 2023

    Manni isaanii siʼa lammaffaadhaaf sakattaʼame. Aleeksii fi Yuliyaa irratti qorannaan ni geggeeffamee

  4. Bitootessa 31, 2023

    Manni haadha Aleeksii fi obboloota isaa ni sakattaʼame

  5. Onkoloolessa 4, 2023

    Akka hin imalle dhorkame

  6. Muddee 14, 2023

    Himanni yakkaa isa irratti dhihaate mana murtiitti ilaalamuu jalqabe