Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Sargee Kuuznetisoof

CAAMSAA 5, 2022
RAASHIYAA

Yihowaan Sargee Kuuznetisoofiif Jabina Kenneera

Yihowaan Sargee Kuuznetisoofiif Jabina Kenneera

Manni Murtii Godinaa Viyaazeemskii Naannoo Kaabaaraviskii murtoon obboleessa keenya Sargee Kuuznetisoof irratti dabarse yeroo dhihootti ni beeksisa. Abbaan seeraa adabbiin obboleessa keenya irratti darbu maal akka taʼe hanga yoonaatti hin beeksisne.

Chaartii Yeroo

  1. Fulbaana 3, 2020

    Poolisoonni Tajaajila Nageenyaa Federaalaa mana Sargee sakattaʼan. Kitaaba Qulqulluu, meeshaalee elektironikii, filaashii fi barreeffamoota fudhatan

  2. Ebla 2, 2021

    Poolishoonni maqaa isaa shororkeessitoota keessatti galmeessan. Maallaqa baankiitii qabus fudhachuu akka hin dandeenye dhorkan

  3. Sadaasa 9, 2021

    Himanni yakkaa isa irratti baname

Ibsa Gabaabaa

Yihowaan obbolootaa fi obboleettonni Raashiyaa fi Kiraayimiyaa keessa jiran hundi, maqaa isaatiif jedhanii rakkina hedduu yeroo dandaʼanitti jabina isaan barbaachisu akka isaaniif kennu amanannaa guutuu qabna.—Mulʼata 2:3.