FULBAANA 12, 2023
RAASHIYAA
“Yihowaan Yeroo Hundumaa Nu Gargaara!”
Hagayya 18, 2023, Manni Murtii Magaalaa Solikaamski Naannoo Peermii obboloota keenya Vilaadimiir Poltooraadneev, Aleksaandar Sobiyaaniinii fi Vilaadimiir Tiimooshkiin yakkamtoota akka taʼan isaanitti murteesse. Vilaadimiir Poltooraadneev ruubilii 638,000 (doolaara Ameerikaa 6,787), Aleeksaandar Sobiyaaniin ruubilii 494,000 (doolaara Ameerikaa 5,255), akkasumas Vilaadimiir Tiimooshkiin ruubilii 512,000 (doolaara Ameerikaa 5,447) adabamaniiru. Yeroo ammaatti mana hidhaa galuun isaan hin barbaachisu.
Ibsa Gabaabaa
Namoonni Yihowaatti amanamuu isaanii itti fufan hundi, eebba inni jaalala amanamaa isaatiin kennu akka argatan amanannaa guutuu qabna.—Faarfannaa 13:5, 6.
Chaartii Yeroo
Adoolessa 28, 2020
Manni isaanii ni sakattaʼame. Obboloonni sadanuu mana hidhaa hamma mana murtiitti dhihaatanitti keessa tursiifaman keessatti hidhaman
Adoolessa 29, 2020
Vilaadimiir Tiimooshkiin mana hidhaa hamma mana murtiitti dhihaatanitti keessa tursiifaman keessaa gadhiifamee manaa akka hin baane dhorkame
Adoolessa 30, 2020
Aleeksaandar mana hidhaa hamma mana murtiitti dhihaatanitti keessa tursiifaman keessaa gadhiifamee akka hin imalle dhorkame
Adoolessa 31, 2020
Vilaadimiir Poltooraadneev mana hidhaa hamma mana murtiitti dhihaatanitti keessa tursiifaman keessaa gadhiifamee manaa akka hin baane dhorkame
Fulbaana 24, 2020
Vilaadimiir Poltooraadneev mana hidhaa hamma mana murtiitti dhihaatanitti keessa tursiifaman keessaa gadhiifamee akka hin imalle dhorkame
Onkoloolessa 26, 2020
Vilaadimiir Tiimooshkiin mana hidhaa hamma mana murtiitti dhihaatanitti keessa tursiifaman keessaa gadhiifamee akka hin imalle dhorkame
Caamsaa 16, 2023
Himanni yakkaa mana murtiitti ilaalamuu jalqabe
a Obboleessi keenya Vilaadimiir Tiimooshkiin yaada dhuunfaa hin kennine.