WAXABAJJII 24, 2020
RIPPUUBLIIKII DIMOOKRAATAWAA KOONGOO
Dhugaa Baatonni Waajjira Damee Koongoo (Kinshaasaa) Jala Jiran Dhukkuba Daddarbaa, Lolaa cimaa fi Lola Hidhattoonni Godhaniin Rakkachaa Jiru
Obboloonnii fi obboleettonni keenya Koongoo Diimokiraatiik Rippuubliikii fi Koongoo Rippuubliikii jiraatan tokko tokko dhukkuba daddarbaa vaayirasii koronaa, lolaa cimaa fi lola hidhattoota gidduutti godhamuun rakkachaa jiru. Waajjirri damee Koongoo (Kinshaasaa) inni hojii lallabaa biyyoota lamaan kanaa toʼatu, wanta karaa foonii fi karaa hafuuraa obbolootaaf barbaachisu dhiheessuuf qophii godhe. Waajjirri damee kun wanta obboloota keenyaaf barbaachisu dhiheessuuf yeroo ammaa guutummaa biyyattiitti Koreewwan Gargaarsaa 57 hundeesseera. Koreen kun hamma yoonaatti, obbolootaa fi obboleettota 90,000 oliif nyaata kenneera.
Bokkaa cimaa Ebla 16 fi 17, 2020 roobeen kan kaʼe naannoowwan baha Koongoo Dimokiraatiik Rippuubliikiitti lolaa uumameen babalʼistoonni 139 qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniiru. Babalʼistoonni kun yeroo ammaatti mana obbolootaa fi obboleettota isaanii buufatanii jiru. Koreen Gargaarsaa naannoo kanatti argamu, obboloonni qeʼee isaaniitii buqqaʼan kun mana yeroo gabaabaa fi dhaabbataadhaan keessa jiraatan qopheessuuf hojjechaa jira.
Obboloonnii fi obboleettonni hojii Koreen Gargaarsaa kun hojjetu deggeruuf arjummaadhaan gargaarsa godhaniiru. Naannoo tokkotti babalʼistoonni, muuzii kiilogiraamii 700, boqqolloo kiilogiraamii 400, akkasumas kaasaavaa fi baala kaasaavaa kiilogiraamii 220 walitti qabaniiru.
Dabalataanis babalʼistoonni gumii Sam 26 Km jedhamutti argaman 60ni, obboloota keenya naannoo waraanaa irraa baqatan 50 simataniiru. Babalʼistoonni kun hamma Koreen Gargaarsaa kun obboloota kanaaf nyaata hirutti, nyaatuma qaban warra qeʼee isaanii irraa buqqaʼan kanaaf hiraniiru.
Mataan maatii magaalaa guddoo Koongoo Rippuubliikii, Biraazaaviilitti argamu tokko erga gargaarsa argatee booda muuxannoo isaa akka itti aanutti ibseera: “Jireenyi liphsuu ijaa gidduutti jijjiiramuu dandaʼa. Ani hojii mindaa gaʼaa naaf argamsiisu waanan hojjedhuuf, haati manaa tiyyas hojiiwwan tokko tokko waan hojjettuuf, wanta nu barbaachisu ni arganna turre. Yeroo COVID-19 jalqabetti garuu galii keenya hunda dhabne. Haa taʼu malee, amanannaa Yihowaa irratti qabnu hin dhabne. Dhuma irratti wanti nyaannu yeroo dhumu maal gochuu akka qabnu utuu mariʼachaa jirruu, Yihowaan nu gargaaruuf tarkaanfii fudhate.”
Obboleettiin teenya Imbuuyii Eestar ishiin magaalaa Kinshaasaa jiraattus akkana jetteetti: “Jiʼa tokko dura abbaa manaa koo duʼaan waanan dhabeef, gargaarsi baayʼee na barbaachisa ture. Galii tokko illee hin qabu; garuu ijoollee sadiin guddisa. Maatiin keenya nyaata baayʼee guyyoota hedduudhaaf nu gaʼu hammanaa matumaa argatee hin beeku. Yihowaa, sin galateeffadha!”
Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenyaaf kunuunsa gochuu fi hojii gargaarsaa kana eebbisuu isaa akka itti fufu ni kadhanna. Kana malees, yeroo namni hundi firii hedduu lafti argamsiistutti gammadu abdiidhaan eegganna.—Faarfannaa 72:16.