Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhoʼiinsa volkaanoo Tulluu Niiraagoongoo

CAAMSAA 31, 2021
RIPPUUBLIIKII DIMOOKRAATAWAA KOONGOO

Goomaatti Dhoʼiinsa Volkaanootiin Namoonni Kumaan Lakkaaʼaman Qeʼee Isaanii Irraa Buqqaʼaniiru

Goomaatti Dhoʼiinsa Volkaanootiin Namoonni Kumaan Lakkaaʼaman Qeʼee Isaanii Irraa Buqqaʼaniiru

Iddoo

Goomaa, Koongoo Dimokiraatiik Riippabliik

Balaa

  • Balaa dhoʼiinsa volkaanoo Sanbadduraa, Caamsaa 22, 2021, Tulluu Niiraagoongoo isa Godina Kaaba Kiivuutti argamu magaalaa Goomaatti dhihoo jirtutti gaʼeen kan kaʼe namoonni kumaan lakkaaʼaman naannoo sana irraa baqachuuf dirqamaniiru

Miidhaa obbolootaa fi obboleettota irra gaʼe

  • Babalʼistoonni 2,000 taʼan magaalota dhihoo jiranitti baqataniiru

  • Tajaajiltoonni yeroo guutuu addaa 35 yeroodhaaf bakka jireenyaa isaanii gadhiisanii baʼaniiru

Miidhaa qabeenya irra gaʼe

  • Yoo xinnaate manneen obboloota keenyaa 29 barbadaaʼaniiru

Hojii gargaarsaa

  • Koreen Gargaarsaa Yeroo Balaa hojii gargaarsaa akka qindeessuuf hundeeffameera. Koreen kun dhoʼinsi volkaanoo kun miidhaa hangamii akka geessisee hubachuu fi obbolootaaf gargaarsa barbaachisu gochuuf ilaaltota ol aanaa aanaa fi jaarsolii gumii naannichaa wajjin hojjechaa jira

  • Hojiiwwan gargaarsaa hundi qajeelfama COVID-19 irraa of eeguu ilaalchisee kennamee wajjin haala wal simuun raawwatama jira

Obboloonni keenya hedduun balaa kanaan manneen isaanii kan dhaban taʼus, obbolootaa fi obboleettota keenya irraa miidhaan akka hin geenye dhagaʼuun keenya nu gammachiisa. Obboloonni keenya yeroo nama dhiphisu kanatti yommuu Yihowaatti amanaman isaaniif kadhachuu keenya itti fufna.—Naahom 1:7.

Dhagaa baqaan volkaanoo sanaan uumame magaalaa dhihoo sana jiru irratti miidhaa guddaa geessiseera