Dhimma ijoo ta'etti seeni

Koongoo Dimokiraatiik Riippabliikitti gamoowwan biiroo lubumbaashii jiran keessaa inni tokko xumuramee yommuu wal harkaa fuudhamu

AMAJJII 21, 2022
RIPPUUBLIIKII DIMOOKRAATAWAA KOONGOO

Koongoo Dimokiraatiik Riippabliikitti Gamoon Beetel Haaraan Ijaaramaa Jira

Koongoo Dimokiraatiik Riippabliikitti Gamoon Beetel Haaraan Ijaaramaa Jira

Koongoo Dimokiraatiik Riippabliikii keessaa Lubumbaashiitti gamoo haaraan waajjira dameetiif taʼu ijaaramaa jira. Miseensonni maatii Beetel gara 260 taʼan naannoo Caamsaa 2022​tti gamoo kanatti akka galan kan eegamu yoo taʼu, 131 kan taʼan immoo idduma amma jiran waajjira damee Kinshaasaatti hafu. a Waajjira damee Kinshaasaa jiru birattis gamoon jireenyaa fi biiroo dabalataa ijaaramuu eegaleera. Naannoo Amajjii 2024 booda miseensonni maatii Beetel gara 48 taʼan gamoo haaraa kanatti akka galan karoorfameera. Gamoowwan kun lamaanuu lakkoofsa babalʼistootaa fi hojii lallabaa Koongoo jiruuf deggersa godhu.

Ijaarsi gamoowwan biiroo sadii haala gaariin deemaa jira

Waggaa tajaajilaa 2021​tti obboloonni keenya Koongoo Dimokiraatiik Riippabliikii jiran qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu 250,000 ol geggeessaniiru. Yaadannoo duʼa Kiristoos irratti namoonni miliyoona tokkoo ol argamaniiru. Yeroo ammaa waajjira damee Kinshaasaa jiru keessa miseensota maatii Beetel 394tu jira.

Gamoo Kinshaasaa jiru babalʼisuun waan hin dandaʼamneef, obboloonni magaalota kan biroo keessaa iddoo dabalataa argachuuf yaalan. Akka kanaan Lubumbaashii keessaa iddoo waajjira damee haaraa fi guddina fuulduratti dhufuuf taʼu argatan.

Bitaa: Miseensonni maatii Beetel 300 taʼan yeroo dhihootti mana jireenyaa Lubumbaashii jirutti galu. Mirga: Piroojektiin xumurame yeroo wal harkaa fuudhamu

Iddoon Lubumbaashii jiru Kinshaasaa irraa kiilomeetira 2,300 fagaata. Iddoon kun balʼinni isaa hektaara 12 yoo taʼu, manneen jireenyaa, biiroowwan, manneen kuusaa, akkasumas mana nyaataa fi iddoo bashannanaa dabalatee giddu gala waan hundumaatiif taʼu qabachuu dandaʼa.

Ijaarsi piroojektii kanaa Sadaasa 2020 kan eegale taʼus, sababa Koovidi-19tiin rakkoowwan hedduun mudataniiru.

Obboleessi Roobart Eloongoo inni miseensa koree Waajjira Damee Koongoo (Kinshaasaa) taʼe akkas jedheera: “Daangaawwan cufamanii turan. Meeshaalee ijaarsaa dhiheessuun baayʼee rakkisaa waan taʼeef piroojektiin kun harkifachuu dandaʼeera.”

Taʼus, Obboleessi Eloongoon akkas jedheera: “Ijaarsa piroojektii kanaa kutaa isa jalqabaa keessaa waggaa tokko keessatti qofa harka 40 raawwachuu dandeenyeerra.”

Yihowaan ijaarsa piroojektii kanaa eebbisaa akka jiru ifatti mulʼachaa jira. Gamoon haaraan kun hawaasicha keessatti dhugaa Baʼiinsa gaarii akka kennuu fi maqaa Waaqa keenya Yihowaatiif ulfina akka fidu ni kadhanna.—Maatewos 24:47.

a Waajjirri damee Koongoo Dimokiraatiik Riippabliikii, inni Kinshaasaa jiru sochii tiʼookraasii Koongoo Dimokiraatiik Riippabliikii fi Koongoo Ripuubiliikiitti godhamu toʼata.