Dhimma ijoo ta'etti seeni

WAXABAJJII 3, 2021
RIPPUUBLIIKII DIMOOKRAATAWAA KOONGOO

Koongootti, Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Giriikii Afaan Aluuriin Baʼe

Koongootti, Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Giriikii Afaan Aluuriin Baʼe

Caamsaa 30, 2021, Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Maatewosii-Mulʼataa Afaan Aluuriin ni baʼe. Obboleessi keenya Iwuug Kaabiitshwa, inni Miseensa Koree Waajjira Damee Koongoo (Kinshaasaa) sagantaa dursee waraabameen Kitaabni Qulqulluun kun bifa elektiroonikiitiin baʼuu isaa beeksise.

Hojii Kana Ilaalchisee Ibsawwan Tokko Tokko

  • Afaan Aluur qooqa Gidduu Gala Afriikaa, keessumaa immoo kutaa kaaba baha Dimokiraatik Riippabliik Koongoo fi Ugaandaa ollaa ishii jirtutti dubbatamu dha

  • Namoonni Afaan Aluur dubbatan tilmaamaan 1,735,000 taʼu

  • Babalʼistoonni 1,500 taʼan gumiiwwanii fi gareewwan Afaan Aluur 48 keessatti tajaajilaa jiru

  • Hiiktonni 6 hojii kana xumuruuf jiʼoota 12 isaanitti fudhateera

Obboleessi keenya Kiristiyaan Beelottii, inni miseensa Koree Waajjira Damee Koongoo (Kinshaasaa) taʼe akkana jedheera: “Babalʼistoonni Afaan Aluur dubbatan Kitaaba Qulqulluu kana dubbisuun akka isaan gammachiisu abdii qaba. Kitaaba Qulqulluu ibsuuf, akkasumas namoonni kaan Dubbii Waaqayyoo akka hubatanii fi akka jaallatan gochuuf isaan gargaara.”—Luqaas 24:32.

Kitaabni Qulqulluun kun baʼuun isaa obboloonnii fi obboleettonni keenya “misiraachoo bara baraa” lallabuu isaanii akka itti fufan akka isaan gargaaru abdii guddaa qabna.—Mulʼata 14:6.